Thursday, October 29, 2009

Ejjennoo fi Kutannoolee WBO ZK ABO (13/10/2009)

ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

جبهة تحريراورومو


Lakk: 0002/ejjenno-wbozk-abo/2009

Guyyaa: Fulbaana 13, 2009
Murtii fi Kutannoolee
WBO-ZK
(Tarkaanfii Deegarsa Nagaa fi Araara Moona ABO/Oromoo)

Nu loltootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Zoonii WBO Kibbaa Oromiyaa, nagaa fi araari hattatamaan qabsaawotaa, dhaaba ABO fi Oromoo jidduutti bu’uu dhugoomsuuf, ejennoo fi kutannoolee armaan gadii dabarfanne;
‘Gareelee ABO’ adda bahan sadeen (QC, KY/Jijjiirama, ShG ABO) jiduutti nagaa fi araari dhugaa bu’e, hoggana Adda Bilisummaa Oromoo tokkochaan dhaabni akka hoogganamu, taligaman murteeffanne.
Uf-diiguun dhuma hin qabne kan yeruma cufaa ABO keessatti deddeebi’u kun, miseensota ABO, deegartootaa fi ummata Oromoo ‘akka galaanaa fuudhee, akka bubbee hargufee, dirree fi qilee hin hawwamneetti harcaasuun’ kun ammumaan dhaabbatu qaba jenna. Amalootni egeree dhaabichaa, qabsoo Oromoo, Ummata Keennaa fi Oromiyaaf gonkumaa hin tolle kun, armumaatti, ar’uma dhaabate tokkumaaf akka waliin hojjannu dabarfanne.
Tokkummaan miseensota ABO, qabsaawota Oromoo fi Saba Oromoo, keessaafuu sababa wal-hadhicha, wal-nyaachuu fi wal-dhabbiilee hin furamneen, hooggana ABO jidduutti dagaage qabsicha gurgurteessee jira. Haali barbadeessaan kun nagaa fi araaraan sirraa’e, QBO bifa tokkummaa fi seera qabeessa taheen fuula duraatti furgaafamu murteeffanne.
Guyyaa barruun ejjennoo teennaa tun tamsaate irraa jalqabee, WBOn zoonii Kibbaa hoggana ABO tokkichaa fi waalta’a tahe qofaan kan ajajamu tahu beeksifna.
WBOn ZK, ‘Gareelee ABO Sadeen’ kamuu wal hin caalchisu. WBO Zoonichaa akkasuma, gareelees ta’e jaallan, tarkaanfii deegarsa nagaa fi araaraa kanaaf kalchan kamuu ni fudhata. Kunis kanneen araaraaf dursa kennan kamuu akka nam-tokkeeleetis tahe, jarmayaa-jarmayaa isaaniitti waliin marihatuuf qophi dha.
Yaamicha nagaa fi araaraa moonaa ABO laalchisee maanguddootni bu’uressitootaa fi buuleyyii ABO, gaafa Mudde 13-14, 2008 Washington DC-USAtti rakkina mooraa ABO fi Oromoo kana furuuf dhiheessan guutumaan guutuutti ni deegarra. WBO-ZK qaamni cufti akka deegaru fi milkessuuf hojjatu gaafanna.
Ololooti diiggaa tahan, wal abaaruun, balaaleffannaan, maq-balleessiin, wal-faaruun-dhaaraa….kkf karaa media, waltajjiilee, bilbilaa, dhaamsotaa, barruulee fi kkf wal jidduutti hujii taasifatamaa jiru, aadaa fafaa kan of-balleessuu tahu hubatmu qaba jenna. Wal moohinsi karaa kanaan dhufu yoom illee hin jiru, hin jiraatus. Hawwii fi akeeka nagaa/araaraa fageessuu tahuun alaatti, hali akkanaa fokkaataan kun booruu lamuu hin qulloofne waan taheef, kana walirraa dhaabuun dirqama jenna.
Diina tarsimoo dhiisuun nagaa laataafi, ufiif nagaa waliitti waakkatuun diina waliitti tahuu qofa dhalche. Akeeka walirratti saganteeffatuu fi kaan-kaan balleessee maquma ‘ABO’ jedhu qofa qabatani jiraatu kunis yakka olaadha. Tokkummaa sabichaa, hayyisa gurmuu miseensota ABO akkasuma qabsaawotaa Oromoo, hiree nagaa fi araaraa moonaa QBO fi dhaaba ABO keessatti tahu qabu irratti demsii kun gufuu ol-aanaa waan taheef, akkasuma safuu Oromummaa illee waan cabsee argameef, hatattamaan akka lagatamu jenna.
Amaloota yareennaa akka malee kanaa fi mallattoolee gabrummaa/ tissee kan akka tokkummaa sabichaa fi sabboonummaa afaaniin faarsaa, hujiin ammoo ‘kophee-deesiftuu’ Oromoo taasisuu, aadaa tahaa turee/jiru kana WBO-ZK jabeessine mormina, dura dhabbatuutti idaanee ni saaxilla.
Garees tahe namoota akeeka nagaa fi araaraa Moonaa Oromoo fi dhaaba ABOf dhihaate kana sababaa fedheefuu hanqisuu galii taasifatuu WBO ZK hubateen akkana jenna: ‘Kufaatii QBO fi maseenuu hawwii Bilisummaa Sabichaaf, akkasuma faca’u tokkummaa Saba kabajamaa Oromoo mudateef, seenaa keessaatti gaafa tokko kan itti gaafataman tahuu akeekachiifna. Kannen akkasii Lubooma itti kaasuun alaattis falli biraa akka hin jireef’ ammumaan herregamu qaba.
Miseensotni ABO, qabsaawotni haftan fi ummatni Oromoo biyya keessatti, biyyoota ollaa fi alaattis argamtan,
a) Kanneen qabsoo Saba keessani itti-fufsiisuuf haga yoonaa gumaachaa turtani fi jirtan galata seenaa qabdan jenna! Haa tahu malee, gumaatni kukun gartummaa fi murnummaa qofa tumsaa jira. Arjoomni qabsoo Sabichaaf tolfamu armaa achi kan nagaan fi araara moonaa dhaaba ABO, QBO akkasuma Oromoo dhugoomsuu qofa akka taasiftan dhiheessina
b) Kanaafuu, gumaatni bifoota maallaqaa, qabeennaa, yaadaa, gorsaa fi beekumsa keessani akka gara humna nagaa fi araaraa Oromoo -WBO Zoonii Kibbaatti fi dhaaba ABO tokkoomuutti naannessitan gaafanna.
Hundeen tokkummaa Sabaa Oromoo; Saba tokkicha, Biyya takkittii fi hiree tokkicha tahu yaadachisaa-tana dhugoomsuuf, dhaadannoon tarkaanfii deegarsaa nagaa fi araara WBO ZK- “Oromoon tokko, ABO tokko fi WBOn tokko” jenna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Waraana Bilisummaa Oromoo-Zoonii Kibbaa
(WBO ZK).
E-mail:wbo_zk_abo2010@yahoo.com

No comments:

Post a Comment