Thursday, October 29, 2009

Ibsa Tarkaanfii Deegarsa Nagaa fi Araara Moonaa ABO, QBO fi Oromoo-WBO ZK (13/10/2009)


ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

جبهة تحريراورومو


Lakk: 0001/ibsa-wbozk-abo/2009


Guyyaa: Onkololeessa 13, 2009

Ibsa
Deegarsa Nagaa fi Araara Moonaa ABO, Qabsaawotaa fi Oromoo Jidduutti Bu’uu Dhugoomsuuf,
Tarkaanfi WBO Zooni-Kibbaa.


Seenaa, Qoodaa fi bakka dhaabni ABO, qabsoo Oromoo keessatti qaburra kan ka’e, jabaachuun dhaaba ABO, gulantaa guddina QBO fi dhugoomuu gaaffii bilisummaa Sabichaaf bu’ura.
Akkuma suniitti, dadhabuu, diigamuu ykn baduun dhaaba ABO kan afeeru malu hubachuu feesisa jenna. Kunis, laaffachu irraa haga gufatu qabsoo ummata Oromoo dhalchaa jira. Haali akkasi ammoo bilisummaa Saba Oromoo barfatuu irra dabre haga maseensuutiin gahe. Kufaatiin sadarkaa akkasii sun ammoo Seenaa fi seeraan illeen, Oromoof maal jechuu akka tahe namu hubachuu danda’u qaba.

Haaloti wal diddaa dhuma hin qabnee, bolola ‘angoo baanani’, qoxxee wal jidduu, amaloota morkaa, matooma namoota jidduu fi kkf hoggana ABO jidduutti barootaaf itti-fufaa dhufe kun, bifa kamiinuu yaa furmaata argachuu dadhabe.
Rakkinooti furmaata bifa kamiitu argachuu dhabu irraa addaan bahuun, wal diiguu fi dhaabni ABO tokko ture, amma gara “gartuulee/murnoota ABO” jedhamuutti cacaphe.
Waggootuma kurna-as-aanu kana qofa keessatti, yoo diqqaatte dhaabni teenna marroo lama fincilaa fi fottoqa hin tuffatamneen naafate. Innii irra as aanu faca’iinsa Adoolessa/Hagayya bara 2008 ti.

Kana cufaan duuba, kan amma mirkanaan dubbachuu danda’amu, yeruma cufa iyyuu falammiin dhaaba keessatti taatu, kan Heeraa fi Seerraan dhaabaan murtii ykn hiika kam iyyuu argachuu hin dandeenne ta’e, adda yaa’uun ammoo akka furmaataa eebbifamaatti tokkootti fudhatamaa dhufuun aadaa tahe argama.

Akka jaarmayaatti seeraan dubbii fixachuun hafuun kun, qaama dhala Oromoo taane, aadaa Sabni kun qabaachuun beekkamuun, furmaata fedhachuu wallaaluunis kanuma hubachiisa. Kunis Oromoonuu, aaduma qabaachuu dhaadachuu tana, sun iyyuu wal fakkeennaan quba qabaachuu dhabuu alaatti, hali akkanaa waan addeessu dhibii kan qabu hin fakkaatu. Fali seeraa fi aadaa illeen dhiburraa kanaafu, dubbiin dhaabaa fi qabsoo keessatti galtu tamuu, wal moohuu jedhamu qofaaf jecha, wa-ballessuu bira dabre, amma gara wal-balleessuutti, fincilaa fi faca’u akkasuma cacaphu dhaabichaa dhalchuun kun hubannootaa fi yaadannoo hundumaa ta’u feesisa jenna.

Akka kanaan kanneen dhaaba ABO irra bahani maqaa adda addaa moggaafatan yoo dhiifnee iyyuu, kanneenumti ABO himannu iyyuu yo diqqaanne ar’a gartuu sadii taana. Kunis (akkuma tartiiba addaan bahinsaatiin);
Qaama Cehumsaa (QC-ABO)
Koree Yeroo (KY-ABO) fi
Shanee Gumii (Shg-ABO) taana.

Akkuma waliin beennu, gartuun jirru kamuu ABO ‘innii dhugaa’, ‘innii jalqabaa sun’, ABOn ‘deegarsa ummataa caalmaatti qabu’, ABOn ‘seeraawaan’, ABO ‘humnaawaan…..’ kkf ana jechuun, gama-gamanaatti uf-amansuu irratti qofa argamna.

Kanuma waliin heeraa-seera dhaabdi irratti diigamteen dhaadachuun, ‘ABO-mmaa’ mirkaneeffachuuf uf-ibsuun, namuu akka ofumatti dhaaba ta’eetti of-dhiheessuu fi kakhachuun gaafa adda deemame irraa kaasee, takkumaa iyyuu hin dhaabane. Ololootni, malli, tooftaa fi gochaaleen uf-qulqulleesuu, gama kaan dhibii waakkatuu, jabina himatuu, gama biraa dadhabsuu/dadhabaa fakkeessuu ykn balleessuuf hojjatuu, wal dhaaressuu, ufumaan dhugaa muratuu... fi wkf hin yaalamin hafe tokko illeen hin jiru.
Akkuma himatamuu iyyuu tahe garuuttu waggoota haga yoonaan duubaatti illee qabsoo, qabsaawota, Oromoo fi dabre ammoo WBOf bu’aan gartummaa fi murnaa’uu ABO kanaan dhufe tokkoo illeen akka hin jire ar’a mirkaniin dubbatu dandeenna.

Gama kaaniin, balaan diigomnsi, faca’uu fi cacaphuun ABO dhuma hin qabne kun ummata Oromoo, QBO, qabsaawota Oromoo, miseensota ABO, deegartoota, sabboontota, mararfattoota qabsichaa, firootaatti.. kkf fide kan seenaa keessatti hariya hin qabne ta’e galmaa’e jira.
Sadarkaa duraatti, haa seedannu malee, ar’a dhaabni teenna ABO gara dhabamuu dhaqqabe jira. Sunuma waliin tokkummaan Saba Oromoo sadarkaa deebinee suphatuun hin laafannetti diigamuurra jira. Qabsaawoti akka dabaatti harca’u fi miseensoti dhaabicha gargari galuun safuu tahu dhiisuufaa dhaqqabne jirra.

Kana cufa keessatti hawwiin Oromoo hiree balcummaaf eegattu guyya-guyyaan fagaachaa deemu qofa adoo hin taane, dukkana barii hin qabne seenuun mirkana. Haga ABO tokko tahee hin argaminiitti ‘gartulee/murnootni ABO’ irraa balchooma eegachuun uf-sobuun alaatti, hiika fi fayida tokko illee Oromoof hin qabu. Balaan uulfaattuun QBO fi dhaaba ABO akkasuma Oromoo mudate tun, Oromtichaa fi Oromtittii cufaa kan dhukkuba tahu qaba jenna.

Duuba, hagii kana caalaa ufumaan uf-balleessuu qabsoo ummata tokkoo qunnamu womaa alaatti hin hafne. Akkasuma uf-galaafachuun jaarmayaa/dhaaba tokkoo kana caalu hin jiru. Hagi Sabi tokko badiif dibinbiru kanaa olii waan hafe hin fakkaatu. Kufaatiin seenaa keessatti hogganni jaarmayaa, ummata tokko, qabsoo fi dhaaba takka mudatu kan kanaa olii waan hafe hin seenu. Akkasuma hagi beektotni, hayyooti, qaamoti-aadaa fi maltuu biyya takkaa irratti aada-maleen ummata/jaarmota/dhaabota lummee mirkuun badiif luuccesu olii-gadiitti hin hafne.

Yo ilaallu, gartummaa jabeeffachuutti cichuu malee, murnootni ABO kamuu, miseensotaa, garin qaama hawaasa Oromoo fi hogganaa, gara tokkoomuu, furmaata sabichaaf soquu, ABO takkicha deebisani itichuu fi WBO tokko ta’e mirkaneessuu kan yaadaa jiran ar’aa illee hin mul’atan.
Amalooti dallansuu, morkaa, matoomaa fi walumaa galatti murnummaa ABO raggaasifatuun, akka jabinaatti ilaaluun kun ammoo durse asumaatti dhaabbachuu akka qabu nu WBO Zoonii Kibbaa murteeffanne.

Haali diigamsa moonaa Oromoo (akka ummata tokkootti), moonaa ABO (akka dhaaba tokkootti) akkasuma qabsoo bilisummaa Oromoo (akka warraaqsaa ummataa takkaatti), keessatti kufe argamu kun, gabaabumaatti egeree afaan-boollaa (qilee) dhaqqabde, akkasuma isa dhumaa tahu hiree tanaan namuu akka mamaa baafatu yaadachiifna.

Kanumaaf, tokkummaa moonaa ABO (gartuulee ABO) fi QBO, dabre ammoo tokkummaa Saba Oromoo ittisuuf, yaamicha araara maanguddootni bu’uressitootaa fi buuleyyiin-ABO gaafa Muddee (December) 13-14, 2008, Washington, DC-USA-tti, rakkina ulfaataa Oromoo mudate kana firuuf dhiheessani turan milkessuuf qooda laatuu murteeffannee, WBO Zoonii Kibbaa tarkaanfii deegarsa araaraa kanaa fudhachuuf dirqamu keenna labsina.

Kana keessatti duubaa, hubannoota ammumaan dabarfachuu barbaannuutti jira. Kunis, hundeen nagaa, araaraa fi furmaata akeeknu kuni kan tartiiba araaraa Oromoon aadaan qabu irraa maddu tahu yaadachiifna.
Akkanaan, araara moonaa ABO keessatti buusuuf, dura nagaaf owwaachuutti as-aana. Kanneen nagaaf owwaatan ammoo, gaaddisa waliin qabaatu. Artiin achiitti akkaataa deemsa dhimma araaraa waliin lafa keeyyatu danda’aniin karaa takkaan Heeraa jaarmayaa, seera dhaabdichaa durii waliitti qabaatan…..ykn aadaa fi kkf-tuun gara garummaa qaban gaadi’u danda’u.

Araaraa jechuun kanaafu akka badii fudhachuu, waliif dhiisuufaa qofaatti ykn moo’amuutti ilaalamuu hin qabuu.
Yoo Oromoon tokkumaan jiraate QBO akkasuma dhaabni ABO jiraata jenna. Kunis, Tokkummaa Ummata Oromoo dandamachiisuu, QBO itti-fufsiisuu fi kallacha qabsoo Oromoo kan tahe dhaaba ABO baduurraa oolchuu qofaan bilisummaan saba Oromoo dhugoomu danda’a jenna.
Dhugaa fi jabini waltajjii kopha-kophaatti dhiheffatamu fudhatamaa fi dhugummaas waan hin arganneef,
ABO, QBO fi Tokkummaa Sabichaa dandamachiisuuf murnootni ABO, hoggani, miseensotaa fi ummatni Oromoo akeeka araaraa kanaan alaatti fali dhibiin akka hin jirre maanguddooti bu’uressitootaa fi buuleyyiin dhaabaa ABO dhiheessan turan akka deegaramu, fudhatamu lallabna.
Kanneen yaada, tarkaanfi deegarsa nagaa fi araara WBO ZK akkasuma dandamachiifamuu tokkummaa saba Oromoo, QBO fi dhaaba ABO dhugaan seetan kamuu, qaamaa fi qalbiin akkasuma qabeennaan akka WBO ZKf waa’elchitan jabeessine dhaamanna.
Yoo fagaatte gaafa ayyaana WBO, Ammaji 1, 2010tti ABO fi WBO akkasuma ummatni Oromoo tokkummaa seenaa qabeessa taheen bakkaa iyyuutti akka waliin kabajnu jabisine beellamna.
WBOn ZK gaafa ayyaana Ammajii itti aanu kanaatti yaamicha tokkummaa, nagaa fi araaraa dhihaate kana irratti ejennoo gartuulee ABO kanneeni maal akka ta’e ifaan-ifaatti ibsa karuma kana dhihessinuu hundaaf ni gabaafna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
WBO ZK ABO
Email: wbo_zk_abo2010@yahoo.com




No comments:

Post a Comment