Tuesday, December 1, 2009

Jibbaata qaama ‘Bu’ureessitootaa fi Buuleyyii ABO’ abbooma araaraaf qabanne turree beeksifna.(Ibsa WBO ZK ABO)

ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT


جبهة تحريراورومو


Lakk: 0009/yaamicha-wbozk-abo/2009

Guyyaa: Sadaasa 29, 2009

Ibsa WBO ZK
Jibbaata qaama ‘Bu’ureessitootaa fi Buuleyyii ABO’ abbooma araaraaf qabanne turree beeksifna.

Nuti Waraannii Bilisummaa Oromoo (WBO ZK ABO), gaafa Onkololeessa 13, 2009 tarkaanfii deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa dhaaba teenna ABO, QBO fi ummata Oromoo keessatti akka bu’uuf fudhachuu labsanne turre, “Tarkaanfii deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa ABO, QBO fi ummata Oromoo” jennee moggaasuun ni yaadatama.

Ergaa falli takkichi ABO, QBO fi ummata Oromoo baasuu fi daandiin furmaataa takkittiin hafte nagaa, araaraa fi tokkummaa tahu bal’inaan xiinxala, gamaaggamaa fi daawwannaa haalaa irraa hubannee, ejjennoo itti fudhachuu murteeffatu ibsanne turre. Humni waraanaa dhaabaa kun, kanneen haga ammaatti falli rakkoo dhaaba ABO, QBO fi waliigaltee Saba keennaa hubeef akeeka akka qabaatu addeessine akkanaatti daawwatan fi hawwi fakkaataa qabaatani nuun duraatti argaman soquutti kaane.

Maqaa guurmuu ABO fafaca’e araarsuuf akka qaamaatti waliitti dhufuun, ijaaramu labsatani kan haga yeroosiitti dhagahame, miseensota ABO fi maanguddoota dhaabaa akkasuma Oromoo kan ta’an warra ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii ABO’ jechuu dhaan utubamee, yaalii gartuulee ABO sadeen waliitti fiduuf hujiitti bobbaa’uun medialee iraa dhagahame ture irraatti waliif galle.
Ibsi qaama kanarraa walakkeessa Muddee 2008, teessuma isaa jalqabaa Washington DC, USAtti geeggeffatuu beeksisani turan, kan koppiin barruu ibsa sanaa gaafasuma dirree qabsoo dhaqqabee ture. Utubamu qaama araraa kanaa fi akeekni isaas haasawa karaa bakka bu’oota qaamichaa mediyaalee adduunyaa gugurdoo garii irratti yeroo sana dabres gurra miseensota waraana keenna bu’e ture.

Haalota akkanaatin WBO ZKf qaama ‘bu’uureessitootaa fi buuleyyii ABO’ kana ka’umsa taasifachuutti dabalee, hawwii akka zoonii WBOtti dhugoomsuuf ijibaata godhuu muranne kan nagaa, araaraa fi tokkummaa, akka yaalii haga yeroo tarkaanfiin jedhame kun fudhatamu sanaatti qaama maanguddumaa rakkina moonaa ABO, QBO fi Oromoo kanaaf of gad baase kana deegaruuf tarkaanfiin hadhooftuun WBO ZKn onkololessa 13, 2009 labsame sun fudhatame ture.

“Tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa…………..” kan jenne moggaafanneefis, yaalii eebbifamaa fi kabajamaa jennee amannu kan qaamni maanguddoota teennaa kun eegalu labsatani turan sana tumsuu, waa’elchuufi, deegaruu, kalchuufi, milkeessuuf dhiibbaa barbaachisu godhuu dha ture akeekaa fi fardominni tarkaanfi Onkololeessaa sun.
Yaalii bu’ureessotootaa fi gameeyyii kana laalchisee, haalotni murtii akkanaa irraa gahu WBO ZK dirqisiise keessaa, hubannaan fardii tokko qofa ammaaf ibsanna.

Kunis, haala murnooti ABO sadeen araarsuuf qaamni kun Oromummaa fi miseensummaan of utube itti dhihaate jiru, kaan yeroo waltajjii karaa sanaan dhihaatuun himame didu, gariin ammoo maanguddummaa jedhme maqumaaf fudhatu ibsataa, haala dureelee adda addaa kaa’uun, araaraa jedhame laalchise akka ofiif itti barbaadan qofaatti deemuu filatuu, bakkaa fi yeroo beellama waliitti dhufeennaaf gaafataman takkaan harkisuu ykn hanqisuu akkasuma dabre ammoo qabbaneeffamuufaan suuta-suutaan araarrii deemee dhumarratti akka danqamu malufaa yaaddoon bira geenne turre.
Duuba nuti, hiree takkicha nagaa, araaraa fi tokkummaa tana hanqachuu dhowwuuf, yaalii maanguddootaa furmaataaf taati jennee amanne sana milkeessuuf gumaachuuf jecha, tarkaanfiin WBO ZK tun, bifa gartuulee ABO jiran sadan dhiibbaa irratti godhuutiin, akkasuma miseensotaa fi ummata Oromoo karaa waraana isaa akka mararfatani fala dhihaate kana waliin dhugoomsuuf waliin dhaabbannuuf ejjennoon waraana zoonicha sun barbaachise ture.

Haga danda’amuutti ammoo akeeka falli biraan hin baafne jennee amannu kana milkeessuuf gumaachuuf Humni WBO ZK kun akka dhaabaa fi qabsoo laalchisee nuufis rakkinoota hunda waliin keessa seenne kanneeni fi furmaatni hiree akkanaan argamu malu/argmu qabus, nufis dhimmaa keenna jechuu dhaan, armaa achi ammoo qaama furmaataa tahuutti gumaachuu akka qabnu, kanaaf ammoo dhiibbaa malu hundarratti wal fakkeennaan godhuu dhaan dhaabaa fi Oromoo wahiitti baasuuf akkaanaan hirmaannaa jennee kan itti seenne turre tahu ammaas hubannaaf akkasuma seenaaf jecha kunoo irraa deebibee uf-ibsina.

Asirratti garuu, hiree tanaan Oromtichaa fi Oromtittii cufa wanni yaadachiifnu malee bira dabaruu hin dandeenne fardiin tokkoottu jira.
Innis, WBO ZK tarkaanfii nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa ABO, QBO fi Ummata Oromoof Onkol. 13, 2009 fudhate kanaa wareegama seenaa keessatti miseensummaa ABO fi Oromummaan yoomi illee laakka’achuu itti fufnu baasu keenna. Kun ammoo wareegama balaa bifootaa fi sadarkaa adda addaa ulfaatoo tahan kan haga dhiiga ilmaan Oromoo zoonii waraanaa kana keessatti dhangalaasuufaa dhaqqabe, kan wal dhabbii fi dabre ammoo addaan babbahinsi dhaaba ABO keessatti deddeebi’ee wal duraa duubaan baroota dhufaa dabraa akka dirreetti nu mudatuu isaa seenaan galmeessee dabreetti kan ida’amuu dha.

Ar’aas tarkaanfii kanaan eegaa, balaa beelaa/qoonqoo, dheebuu, daaraa, tajaajila fayyaa dhabuu, tarii hiree hundaan itti duulamufaa, kophxeeffamuu fi dabre ammoo diina tarsimoon addaatti aggaamatamu, biyyoiota ollaa fi adduunyaa illeen haala iggitii hin qabne kana keessatti miidhamufaa hireen akka nu muddu qalbii fi onnee Oromoo keessatti akka galmama’u dabarfanna. Walumaa gala dirmannaas tahe, iggiti bifa kamiituu dhabuufaan (akkuma ammaa iyyuu miidhamne hin dandamatin), akka miidhamu dandeennu osuma beeknu, ABO, QBO fi saba keenna Oromoo dandamachiisuuf jecha, nu dhalootii Oromoo goleelee Oromiyaa hunda keessaa Oromummaaf owwaannee ABO jalaatti waraana taane asiitti waliin haga yoonaatti hedduun nu mudate argamne, ammaas jaallummaa isii kaleessaa sanaan, wal qabanne waliin hamtuu fi toltu dhufu hunda waliin eegachaa jirraachuu keenna hunda yaadachiifna.
Dhiiga, lafee fi lubbuu jaallan keennaa hedduu irraa tarkaanfanne nagaa, araaraa fi tokkummaa yaamuu keenna hunda ammoo akka dhaadannoo jannoomaatti ol kaafne Oromoo dhageessisuu barbaanna.

Haa tahu malee, maanguddootni araaraa fi tokkummaa ABO isaanumti yaaman, labsani fi sanumaaf utubamuu miseensota ABO akkasuma Oromoo beeksisani turan kun haga ammaatti deegarsaa fi wareegama WBO ZKf akkasuma hiree nagaa, araaraa fi tokkummaaf laanneef owwaachuu hanqatu isaani Oromoo beeksifna. WBO ZK Oromummaa, jaallummaa, miseensummaan fi wareegamaan qaama kanaa fi akeeka irratti of labsan kana (nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa ABO) deegaruu, tumsuufi, kalchuufi fi akka dhugoomuuf, araaraaf ejjennoo fudhachuun owwaannee, hoggana, dhaaba, miseensota, deegartoota ABO fi sabuma keenna araarsu akkasuma tokkoomsuuf akkanaan fudhanne irratti nu jalaa diduu ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii’ kanaa guddoo kan itti gaddinee fi taajjabne tahu hunda hubachiifanna!

WBO ZK ibsa, ejjennoo fi yaamichaa gaafa Onko. 13, 2009 baaseen akkuma jiruutti dubbii egeree ABO, QBO fi Oromoo, qaama ‘bu’ureessitoota fi gameeyyii’ kanaatti kennate ture. Tartibaa fi akkaataa nagaa fi araarrii ABO fi QBO keessattis bu’uuf qaama nagaa kanaan ibsa isaanii jalqabaa sanaan dhihaates akkuma jiruutti fudhachuuf illee ibsanne turre.
Kanuma waliin yeroof, haga nagaa fi araarri hawwame kun bu’utti, dhimmota waraanaa fi zoonii dhaabaa tana laalan bebbeekamoo gara garaafis akkasuma qaama maanguddootaa kanaatti of-kenne turre. Kana jechuun fakkeenanaf, nagayummaa fi egeree waraanaa fi zoonii WBO kana hagasiifuu, gaaddisa jaarrummaa qaama ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii’ abbooma dubbiif qabanne kanaatti dabarsine laannee jechufaa laala.

Akeeka nagaa, araaraa fi tokkummaa kana irrattis akka waraana dhaabaa tokkootti,akkasuma akka zoonii WBOtti, akka humna ABO fi miseensota dhaabaa tanaatti, akkasuma akka gurmuu ilmaan Saba Oromoo tokkootti, akka yaada akkaataa araaraa kanarratti illee qabnu achumaan qaama ‘bu’ureessitootaa’ kanaaf eeruun keenna hin hanqanne. WBO ZK kanuma cufaafuu qaami ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyiin’ kun deebisaa nuuf laatuu qofa sooo hin taane, qaamaanu akka nutti dhufuun fardii itti tahe yaamicha gaafas labsamerratti addeeffame jira. Ammajiin 01, 2010 ammoo beellama dhumaa yaamichi nagaa, araaraa fi tokkummaa nus itti dabalanne kun fi, akkanaan haga tokko yaaliin karaa qaama ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii’ akka hameessa rimayaatti Oromoon eegattu kun takkaan milkaa’u fi/ykn ammoo hanqatu isaa Oromoof gabaafamu beellamanne ture. Qaamni kabajamaan araaraa nuti abboomaa dubbii fi iggitiif qabanne kun kanuma cufarraan nurraa, akkasuma Oromoo irraa hafu isaa ibsanna.

Amma yeroo gara baatii tokkoo fi wadhakkaan duubaatti kunoo maanguddoota qaama araaraaf of-labsuun dhagahame irraa osoo humaa hin dhagahin ar’a geenne. WBO ZK, haala moonaa ABO, QBO fi Oromoo hujii godhate haga danda’amuufiitti hordofaa waan jiruuf, ololootaa fi odeessii karaa sirnaan hin mirkanoofne gara garaa nu gahan, haga dhumaatti qaamni araaraa kun kan nurraa hafuuf jiru tahu waan yaaddofneef, ibsa gaafa Onkol. 13, 2009 hundaaf labsame kanaatti darree, xalayoota itti fufa yaamichaa, yaadachiisa abbooma dubbii tanaa fi of-qabaabsisuu marroo lama xalayoota (Lakk: 0004/xal-wbozk-abo/2009, Lakk: 0006/xal-wbozk-abo/2009)n, suduudaan karaa Idd Buutuu qaama kanaa teessoo e-mail isaaniin itti ergine turre.

Xalayoota kanneen keessaatti akeeka, akkaataa, barbaachisummaa tarkaanfii WBO ZK fi maaliif akka abboomaaf qaama isaani qabanne akkasuma yaalii isaanii deegarre fi kkf bal’inaan akka kanaa oliitti barruu lameeniinu yaadachifne turre.
Sanuma waliin danqaalee/balaa akka dirree fi humna waraanaa qabsoo bilisummaa tokkootti haala akkanaa keessatti nu gaadaa jiru bal’inumaan yaadachiisuu itti fufne turre.
Irra keennee, gartuuleen ABO sadeenu wal duraa duubaan tarkaanfii deegarsa nagaa fi araaraa WBO ZK fudhate kana laalchisee ibsa deegarsa jaarmayaa isaanii baasuu eegalan itti dhaamne. Kun hujii isaan itti utubamani turanu kan jabeessu, shaffisuu fi dhiibbaan akeekkanne ammoo haga tokko firii mul’isuu isaa akka hubbatan jenne.
Gartuulee ABO sadani fi tarkaanfii deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa qaama maanquddummaa kana tumsuuf dhihaate jidduu ammoo akka nuti suduudaan gaartuulee ABO jiran kanan waliitti haasawuu itti hin fufneef, abbooma dubbiif qabanne jiraatuutti kan of-hubannu isaan (qaama bu’ureessitootaa fi buuleyyii) kana akka tahanis qaabsifne. Eegaa qaama jaarrummaa kana dhaburraa kanaafu akka itti gartuulee ABO sadaniitti callifnu ykn itti fufne ibsoota baasan irratti gartuu kamuunuu waliin waa jennuutti dhibaa’uu keenna beeksifne, qaamni araaraa ulfataan kun ariitiin haga gaafa 15/11/2009tti beellama maayyii qabneefi barruun itti dhaamannee turrus achumaan dhabne hafne.

Duuba, akka humna WBO ZK fi jaallan heddu tarkaanfii kana deegaraniitti ammaa illee sababoota seenaan waliitti hidhatu hedduuf jecha, akkasuma armaa achiitti yeroon kan nagaa, araaraa fi tokkummaa waan jenne labsinee, nuti ammaa illee miseensota jaallan fi manguddoota qaama ‘bu’ureessitootaa f buuleyyii’ kanaaf akka nam-tokkeelee isaaniitti kabajaan qabnu ulfaataa dha.
Osuma isaan lubbuun jiranu haalli ABO fi QBO sadarkaa kana dhufuu mudatuu isaa akkuma jaallan hafne hundaa kan qeeqnu tahuu illee, yaaliin dhumarratti araaraaf eegalan mataan isaatu, kan milkaa’u fi milkaa’u dhiisuus, qaamaa fi namoota qaamicha keessatti miseensummaa qabaniif kan kabajaa ida’u jenna. Haa tahu malee durii abbootiin teena ‘barcumaa ulfinaa abbaatti of jalaan deemmata’ jechuu illee yaadachiifna.

Nuti gabaabumaatti haala kanaan amma kan jennu; qaamni araaraaf ofumaan dhihaate kun, maanguddootaa fi jaallan ulfaatoon keenna kun, ‘bu’ureessitootaa fi gameeyyiin’ ABO kun, harkii caalaan qaama hoogganaa garii sadarkaa olaanaa turan fi jaallan umriin illee hedduu keenanaf abbaa fi haadhaa illee tahuutti ilaallu kukkun, hujii seeraan, seenaa fi aadaa illeen eebbifamaa eegalan, kan wareegamaan deegarre bakka dhowwani akka jiran guduunfine. Akka qaama isaaniittis tahe akkuma jaallaniitti illee ykn akkuma ilmaan Oromootti illee “galata dhaabaa” illee nuuf hin deebifne! “Tarkaanfiin teessan fala caalaa falfalaa, lakkisaaf nuuf hin taane” illeen silaa deebisuma ture.

Waan isaan dhibe nutti dhaamuun silaa wal nu hin dhabsiisu. Yoma hin taanee fi hin barbaachisu jedhani illee akka qaama araara harkaa qabu tokkoottu, “tarkaanfii tana kaasaa” nuun jechuufaatti irra Oromoof karaadha. Calleessii akkasii keessafuu qaama namoota qabnu ulfaatoo akkasii irraa hin midhaagne. Nus Oromoo dha, miseensota ABO ti, akkasuma cinaacha seenaa qabsoo tanaa tahu waliin, dubbii akka nagaa fi araaraa sadarkaa ABO, QBO fi tokkummaa Oromoo akkasi irratti hagas cufa wal sablisuu akkanaa keessattu isaan irraa hin eegne turre. Seeraa fi seenaa akkasuma aadaa dhalootaan waliitti qabnu nutti waakkatuu kana nutti yoomi illee gaddaa fi golgolaan olaanan qaabanna jennaan.

Abbooma dubbii qaama kanaatti kennatuu Onko. 13, 2009 labsa baafne turre suniin qola nu taasisuun, gaaddisuma silaa aadaan illee waliin qabnuun, aada-maleen nu darbatuu qaama araaraa (bu’ureessitootaa fi buuleyyii ABO) kanuma waliin hubachiifanna. Haa tahu malee aada-maleen aadaa nuuf hin taatuu jenna.

Waan taheef, gama keennaan akka WBO ZK ABOtti jibbaata qaama araaraa kan ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii’ kana Oromummaan hunda beeksifna. Sadarkaa WBO ZKtti ar’aan achi gaaddisni achiin eegannu akka hin jirree labsanna.
Jecha qaama araaraa kana laalchise afaaniitti nu hafe ammoo aadaa dhalootaan waliin qabnu ykn waliif qabaachuu qabnu, kan bifa jaarmayaas yo hafeef seera namoomaa fi seenaaf ol keeyyachuu keenna Isaanii fi Oromootti dhaamanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!

WBO ZK ABO
Sadaasaa 29, 2009

wbo_zk_abo2010@yahoo.com

No comments:

Post a Comment