Saturday, December 19, 2009

IBSA WBO ZK ABO-marroo3ffaa


ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT


جبهة تحريراورومو


Lakk: 0009/Ibsa-wbozk-abo/2009

Guyyaa: Muddee 19, 2009

Ibsa WBO ZK ABO-marroo 3ffaa.


(Itti-baha beellama yaamicha Muddee 15, 2009tti ZK/WBOtti jila ergachuu gartuulee ABO 3niif dhihessinee turree Oromoof gabaasuuf).

Akeeka tarkaanfii nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa dhaaba teenna ABO, QBO fi gurmuu ummata Oromoo keessatti akka buufamuuf, nuti humna WBO ZK ABO, akka fala maayyiitti taheetti amannu dhidhiibuuf jecha; carraaqqii hadhaooftuu dhibdeelee dhaaba ABO/QBO/tokkummaa Oromoo, gara dhabamsiisuutti geessee jiru akka waliin furannuuf, hirmaannaa tarkaanfiin murteeffannee jirru milkeessuu yaaluuf; Dirqamaa miseensummaan dhaabaa ABO, qoodni Oromummaa keennaa fi gaheen qabsaawaa nu illee ajajju bahachuu itti fufuuf; itti-gaafatama seenaa irbuun kaleessa seenne/Kaayyoon baaneef waliin nurraa kaa’ee hanguma tahee illee bahachuu hujiin mormachuuf; nuti WBOZK ibsa 0008/ibsa-wbozk-abo/2009, 29.11.09, baafnee turreen ijibaata godhuuf, gartuuleen ABO 3nuu akka jila isaanii gara dirreetti ergatani, qaamaan waliin wal geennuuf sirnaan afeerree, kabajaan beellamuun keenna ni yaadatama.

Akeekaa fi barbaachisummaa gara Dirree WBO Kibbaatti jila ergachuu gartuulee ABO3n gaafanneef.
Akeekaa, barbaachiummaa fi sabaabaan qaamaan jilli hoggana dhaaba ABO, bifa bakka bu’oota gartuulee sadeen kanaatiin (Murna ABO-ShG, murna ABO-QC fi murna ABO KY/’jijjiiramaa’) bakkuma jirru, dirree qabsoo Kibba Oromiyaatti ofiitti yaamneef;


i) Ammaas tarkaanfi, ejjennoo, yaamichaa fi walumaa galaatti akeekni nagaa, araaraa fi tokkummaa maqaa WBO ZK ABOtiin labsanne kun, dhuguma kan Dirree/Zoonii/WBO/humna/miseensota/qondaalota/ajajoota keennaa tahuu daballee isaaniif mirkaneessuuf,


ii) Barbaachisummaa, bu’aa, akeeka..kkf nagaan, araarri fi tokkoomuun jennu kun akka gamaaggama/xiinxala keennaatti hunduma keennaaf ( akka miseensota/hooggana/qondaalota dhaabichaa/ajajoota/zoonileeWBO/humnaWBO/loltootaABOf-walumaa gala dhaaba ABO, QBO, ummata Oromoo, qabsaawotaaf fardii, murteessaa jennee murteefaneef gahaatti itti ibsachuuf, gaaffilee, yaaddoo/shakkii, yaadota, gorsa, qeeqa…..fi kkf qaban cufaa waliin qulqulleeffachuuf,


iii) Miidhaa, bal’aa fi fafa haalli qaanii akkasuma badii dhaabaa ABO ykn gartummaan ABO keessaa maqaa, seenaa fi egeree dhaabichaa, QBO, Zoonilee WBO, WBO, miseensota ABO, deegartoota/ummata Oromoo irratti fiddee jirtuu waliin dhundhumachuuf; Yo fallii hattattamaa argamuun harkifateef ammoo dukkana hundaatti ila baasaa jirtu waliin uf/wal/Oromoo/Oromiyaa irraa laaluu dhugoomsuuf,


iv) Haalaa fi akkaataa jiruu-jireenna WBO ZK kan guyyuu, ba’aa ulfaataa/hadhaawaa maqaa ABO/QBO/Oromoon baasaa turree fi ammaa iyyuu baachaa jirru qaamaan yaadachiisuuf,


v) Wareegama bifoota lubbuu, jireennaa, daaraa, hanqinna fayyaa, ‘marfama siyaasaa’, sababaa dhibdee dhaaba ABO keessatti ‘Gadaa Oromoo-abbaa-lamaa’ guutuuf deemaa jiru irraa kan ka’e, humna WBO, ZK ABO, miseensota ABO…………..fuula lafaa gamanaan fi ummata Oromoo akkasuma olloota Oromoo (akka ummatootaatti) mudataa ture fi jiru/kan itti aanee dhufus wal agarsiisuuf. Obsa, murannoo, tokkummaa, hamilee qabnu, akkasuma fedhii, kakuu……akeeka nagaa, araarraa fi tokkoomuu kana laalchisee gamanaan jiru wal daawwachiisuuf,


vi) Akeeka nagaa, araaraa fi tokkummaa laalchisee gara garaattis ykn waloonis ta’u fedhii, diddaa, yaalii….gartuulee/hogganni ABO 3ni qaban bakka takkaatti waliin waliirraa dhagahuuf carraa argachuuf, yo hin feene maaliif akka ta’e ykn fedhan/fudhatan/eegalan sadarkaa maalirraa akka jiran, yeroo akkam/hagam akka isaan fudhatu malu tilmaama hoogganoota kannaa irraa dhagahuuf, yaada irratti laachuuf. Furmaata hundaaf tolurratti qamaan yaaduma illee itti kennaatuuf,


vii) Hogganni gaafatama dhaaba ABO-takicha kaleessa itti miseensomnee qabu, zoonii qabsoo ABO Kibbaa saaqee/moggaase ture, Koroota Sabaa ABOn heeraan utubame, haala dhiibbamuu/moggeeffamuu humnaa/ZK kan wal dhabbiilee dhaabaa barootaaf furuun hanqatame gumaache – (ar’aaf akka murnoota ABO3n-ttis jiraatan), qaama heeraa ABO KS 3ffaan raggaaseen utubamani, itti-gaafatama WBO/Dirree Kibbaa ABOf, qabeenna qabsoo fi dhaabaa ummatni Oromoo/miseensotni ABO maqaa qabsoon/WBOn/dhaabaan isaaniif gumaacheen akka nu jireessuuf hagasuu dirqama jaarmayaa waliigalaa, seenaa fi Oromummaa qaban yaadachiisuu, wal marihachiisuu, ofirratti murteessuun jireenna humna kana iggiteessuu yaaluuf….fi kkfaa ture.

ABO3n keessaa lama (2) didani, tokko (1) qofti owwaachuun mirkanaa’e.
Guyyaan beellamaa maayyiitti jilli gartuulee ABO3n qaamaan dirree Kibbaa ABOtti argamuu qabanne, gaafa Muddee 15, 2009 ture. Haa tahu malee, haga guyyaa fi yeroo ibsi kun faca’u kanaatti, gartuulee sadeen keessaa lama yeroo nurraa hafuun mirkanaa’u, innii tokko qoftii akkuma gaafanneetti owwaachuu filatani, ZKtti argamuuf dhihaatu akkasuma ejjeennoo qabaachuun gartuulee 3n bira gahame akka asiitti aanuutti beeksifna.

Itti-Bahaa Yaamichaa fi haala ejjennoo ABOn-3n WBO/Dirree Kibbaaf horatuun bira gahame.


1. Gartuu ABO
II: Yaamicha WBO
III: WBO/Zooni Kibbarrati ejjennoo uumatan
IV: Ibsa ragaa, odeessa.


1. ShG ABO

II: Didani jiru.

III:
- Humna/WBO ZK faca’u eegatu,
- Jireenna/qoonqoon akka adabamuuf gumaata jireennaaf gaafatame abdachiisan deebi’ani hanqisan,
- Dinagdee miseensotaa fi deegartoootni isaani biyyoota alaattiWBO ZK kanaan waaltessan gara muraasa gartuun tun bakka biraatti waliitti qabaa tureetti naannessani jiru,
- Ololoota humna ZK balfisiisu gara garaa karaa caasalee qabani dhoksaan oofuufaa.
//////////////////////////////////////////////////////

IV:
- WBO Zk akka suduudaan gama isaani deebinu dhiheeffachu, nuti didnaan ammoo faca’u/facaasuuf sagantaan hojjachuutti seenuu,
- Humna muraasa-lama hin caalle fuula kanaatti himatan ariitiin nama itti ida’u, mihoota lolaa itti bituun hidhachiisuutti irratti argamu,
- Akka araarri hanqatee humni ZK kun qoonqoon miidhamuun, gargarsa dhabuun, tura keessa dadhabuun, hamilee caphuufaan….deemee faca’u “xiinxala” aabjuu caasaan dhaamaa jiru,
- Ololoota humnicha, qondaalota, ajajoota, miseensota hoggana fuula kanaatti argaman shakkisiisu oomishuun caasaan oofuufaa hujii taasifatan.
/////////////////////////////////////////////////


I. QC-ABO
II:Owwaatan

III:
-Haala tokkummaan ABO hin jirre keessatti humni kun akka gartuu isaaniitti deebi’u gonkumaa hin barbaadan.
-Humni WBO ZK agabuun, dadhabsiifamuun, hamileen caphuun..kkf facaafamuun boriif gamanaatti qabsoon akka hin jirre hubatan.
//////////////////////////////////////////////////////

IV:
--ABO/QBO/Oromo akeeka WBO ZK kaase kanaan alaatti kan baasu akka hin jirre ifaatti ibsatuun hubatame.
- Yaamicha qaamaan WBO ZKtti dhaquu kan fudhatameef haaluma humnichaatu, yaada, dhaabbii, hawwi tokkummaa qaban jedhamu kanaa iyyuu qaamaan daawwachu filatan.
- Akkuma ilmaan Oromoottuu, humna dhaaba ABO, qabsaawota illeetti hamilee WBO ZK eegamuun fardii tahu hawwi, dhaabbii hundaatti ibsatani dha.
////////////////////////////////////////////////////

I. KY-ABO
II:Didani jiru.

III:
- Humna ZK facaasuun/faca’uun bu’aa/furmaataatti laallatu,
- Humna tana diiguuf sagantaan deemaa jiru,
- Ololoota akka malee fi maqaa balleessii addaa, kan gartummaa qofa calaqisu humnicha, qondaalota, ajajoota WBO fi hogganoota irratti biyyoota ollaa fi alaatti ifaatti oofuun ni dhagahama,
- Dinagdeen humna/namoota sossobuu, doorsisuu fi sodaachisuun dhaabbataa dha.
-Akeeka tarkaanfii, yaamicha nagaa, araaraa..WBO ZK xureessuuf, shakkisiisuu, dadhabsiisuu, hanqisuu hijii godhatani jiru,
-Humni kun gartuu KY jalaa bahu sana amma gara haaloo/hijaa itti qabachuutti cehan.
-Miseensota Hogganaa, qondaalota, ajajoota’ humnicha nu jalaa baasan’ jedhan tarrisuun tarkaanfiin irratti fudhatamu akka qabu jalqabuma irraa warrii addeeffate ni turan, hordofiittis jiru.
////////////////////////////////////////////////

IV:
- Ergaa akka gaafataniitti humni dhaabbii jijjiirachuu didee, gama isaaniittis deebi’u lagate as, gamanaan lafarratti campaign addaa addaa oofuu, gochaalee fofokkaataatti seenuun ni beekkama.
- Daandii qunnamti dhoksaa, maallaqaa fi kkf ZK keessatti dirriisuun, miseensota dhaloota tokko qofa kana tahan dirree/humna keessaa gara biyyaa ollaatti yaasan. Haga ammaatti jaallan shan (5) gara Nairobii gahuu ummannu ni beeka.
- Addatti biyyoota alaatti ifaan ololoota ZK/humnicha/qondaalota/ajajoota/hoggana miidhuu tilmaaman babbal’isu,
-Tarkaanfi, ejjenno nagaa…WBOZK sana, akka sagantaa gartummaa gsrs biraa, ksn dhaloota Oromoo fuula kanaa tahetokkootti akka hundaan laalamu huji dirqama taasifatani jiru.
- Torbaanuma kana keessaa miseensi gartuu tanaan qunamamuu tokko miseensa dhaabaa biraa battalummaatti halkan ajjeese qawwee lamaan miliqee jira. Kukkunfakkii haalota foffokkataa gartuun tun ijjaan itti jirtuuti.
-Gorsa akka haala akka malee akkanaa irraa dhaabataniif hoggana jaarmayaa KYtti dabarfannebakka dhabe jira.
- Haalota kana hunda miseensotaa fi ummatni kan ifaatti argu, beeku fi ragaan dhiheessuun danda’amuu dha.
///////////////////////////////////////////////////


Silaaftuu ABO 3nu yaamicha ijibaataa nagaa, araaraa fi tokkummaa ….akka oliitti tarrifameef/himameetti dhihaateef irraatti argamuun fi/ykn diduun mirga tokko tokkoo gartuulee ABO3nii ti. Mirgaa fi haqa gartuulee ABO 3n kamiitu tahu kan hin dandeene garuu, yaamicha jila ZKtti ergachuu diduu danda’an, diduu malee, faallaa nagaa, araaraa fi tokkummaa labsanne, humnaan zoonii WBO Kibbaa fi humna WBO tana diiguuf murachuun, sagantaa nu facaasuu baafachuu, tanuma hujii qabsoo taasifachuu, haaloo/ijjaa qabachuun mirgaa fi haqa isaan tokkoo illee tahu yoomi illee hin danda’u jenna.
Dhugumaatti kan tahuu isaatti kana booda Oromoonu akkuma dhala ilma-namaa tokkootti itti qaanfachuu eegalu qabu jira jenna. Kunis, amaloota yeruma hundaa iyyuu maqaa qabsoo/Oromoo/tokkummaa afaaniin faarsaa, gama kaaniin dhiiga Oromoo akka maleetti lolaasuutti hujoomuu kana; dahannoo hujii dhaabaa/qabsoo jedhu jalaatti dhokatani, ar’aa illee lafee Oromtichaa-Oromomtittii waliin bobbeessuu itti-fufuu hoggana jaarmayaa qabsoo bilisummaa ofiin jedhani, kan akka garii gartuulee dhaaba ABO-3ni lagatamu qaban jenna.

Sababumaa fedheefu, yoomi illee, essaattis gartuulee ABO-3n keessaa tokkoo illeen WBO ZK, miseensa ABO, ilma Oromoo fi deegaraa gartuu isaan kamiituu lubbuu, maqaa balleessuu itti/ofiitti/waliitti dhiifamuun mataan isaatu yakka jenne jirra. ZK, WBO ZK, miseensota ABO, deegartoota fi ummata Oromoo akkasuma olloota Oromoo kanneen tahan irraan balaan haga yoonaatti maqaa QBO, dhaaba ABO fi fuula sochii QBOtti waggoota 18n dabraniif geessifamuu seenaan galmaa’e jiru isin gahu qaba jenna!

Irraa dhaabbachuu hanqatani sanuma itti-fufani akka amma deemaa jiruutti karoora ofittummaa balaa qofa dhalchu kanneen maqaa qabsoon qindeessuutti jabaachuun ammoo yakka, daba, cubbuu jenna. Yo ammoo yakkii akkasii ammaas qabsoo jedhameen, jabina, qarooma, jannooma, haxxummaa fi tarkaanfachuu akkasuma guddinaatti kan ilaalamee itti dhiibatamu filatameef, ammaaf kan jechuu dandeennu hiree tanaan guyyaa ar’aa haalicha Oromoof gabaasaa, itti-gaafatama haala itti aanee gamanaan dhufu kamuu kunoo uf- bira dabarsuu galmeessina.

Ejjennoo, yaamichaa fi akeekni nagaa, araaraa fi tokkummaa yakkaa nutti tahuu gaddina!
Osoo hidhanoo ofiis tahe qabeenna qabsoo fi zoonichaan ittisuuf gahu qabnu, nagaaf jecha akkuma seenaa fi aadaa Oromtichaatti marra/marga fi daraaraan araaraa fi tokkummaaf amna eegallerratti ammaas dhiigni Oromoo, miseensa dhaabaa ZK dhangalaafamuun hiree nuuf tahutti hedduu gaddine!

Nagaa, araaraa fi tokkummaan dhaaba teennaaf, miseensotaaf, hoogganoota jidduuf, QBOf fi Saba keenanaf hawwine, akka fala takkichaatti wareegamaan ejjennoo itti fudhanne jirru kun, hanqachaa dhufuun osoo hedduu taajjabsiisaa tahe jiru, balaa diigamuu, facaafamuu humna WBO ZK ABO gaaduu fi dbree ammoo wareegama olaanaa baasuu nu dhaqqabsiisee jira.
Tattahiinsii kun hundi fi abjuu nagaa, araaraa fi tokkummaa nuti dhaabaa, QBO fi ummata Oromoof dhiheessinee kun hanqatee, bakka isaa kan argannu faallaa sanaa ajjeeffamuu, facaafamu, agabuun miidhamuu, moggeeffamu, dhaabuma wareegamaafi baaneen/jirruun gamtaan nutti duulamu, tuffachiifamu, maqaa/seenaa gurraatteffamuu, akka mineensaatti adamfamuu fi kkf WBO ZK irratti barana raawwatamaa jiru/deemu, itti-calliffamuun gochaalee gartuulee ABO laalchisani gadaannisa gaabbuu seenaa keessatti yoomi illee namuu jalaa hin baane sumudee dabruu isaa namuu mamuu hin qabnu.

Gartummaatti hirmaachuun kanaan dura dhiiguu WBO ZK fi ABO/QBO/Oromootti fide. Gartuummaa mormuunis kunoo miidhaa olaanaa fidaa jira. Nagaa, araara fi tokkummaa yaamuunis akkasuma wareegama agabuu, daaraa, moggeeffamuu, nutti duulamuu qofaatti osoo hin dhaabbanne haga facaafamuu, diigmuu eegamuu fi lubbuun ilmaan Oromoo balleeffamuu fidee jira. Duuba Oromoo, amma dhaaba ABOf, QBO fi Saba kanaaf maal wayyaa jettu?

Duuba nu illeen Oromoo dhuma. Nagaa, araaraa fi tokkummaaf dhaabbanne malee, cinaachuma dhaaba ABO ti. Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa kun ABOn ijaaramee, haga ar’aatti dhaabuma kanaan hidhachiifamee dha. WBO ZK humna qabsoo Oromoo kan ajajaa dhaabaa ABO waalta’aa taheen (haga waaltominnii ABO tureetti) seenaa ABO fi QBO Oromoo dhiigaan barreessuu keessatti galmeen yaamtuu dha.
ABO ammoo dhaaba qabsoo bilisummaa, kan seenaa Saba Oromoo irratti yayyabame/bu’ureeffamee dha. Dhaaba Oromoof ijaarame; Oromootaan ijaaramee fi Oromootaan durfamuutti beenna; dhaaba warraaqaa, dhugaa seenaa Saba Oromoo boolla keessaa qotee baase; kan ummatni bal’aan Oromoo akka ilma-tikkicha hawwiitti laalaa as gahe; dhaaba qabsoo dhaan, akeeka bilisummaa Oromoo, seenaa, kabajaa, afaan, aadaa…fi kkf Oromoon qabu fi hawwu ibsee addeessee tahuun nuufis ar’aa illee mamii tahu hin qabu. Nuufis ABO teenna! Nus Oromoo dhuma! Qabsoofis wareega baasaa akkuma turre ittiis jirra! Dhimma Oromoo, ABO, qabsoo, egeree fi seenaa laalchisee akkuma dirqamaa sanaatti mirgaa fi hiree wal fakakataa fi wal qixa tahe akka qabaachuu qabu ar’aa illee nuuf nutti jibaachuu dhabuu garii gartuulee ABO mirkanaa’aa dhufe isaan qofa osoo hin taane, miseensotaafi ummata Oromoo iyyuu taajjabbii jala galchu jenna.

Eegaa WBO ZK, dhimma dhaaba isaa ABO, egeree qabsoo fi sabichaa seenaa ulfeeffamuu akkasuma hunda keenanan tikfamu qabu kanneen herrega keessa galchuu dhaan; akka ABO baduu irara dandamchuu bira dabree, jabaachuun isaa QBO finiinsee; Galiin Kaayyoo Oromoo galma gahuuf jecha; tarkaanfii, yaamicha fi ejjennoo nagaa, araaraa fi tokkummaa labsanne turre. Seenaa ulfaataa kana qallisuun ykn haphisuu osoo hin taane, waan jabduu akka yabbuu gogaa Warseessaa tahee tokkootti akka beeknu fi akkasiittis akka hubatamu feena.

Ammaajii 01, 2010tti nagaa, araaraa fi tokkummaan didamee hafnaan, seenaatti dudubbata jenna!
Deemsa, tattahinsaa fi haalota kanneen nagaa, araaraa fi tokkummaa barbaaduu irratti nu mudataa jiruu fi mudachuuf deemuutti tilmaamamu kanneen asumaatti uddeeluuf wanni jennu; Akkuma oliitti ibsame, nuti WBO ZK, seenaa dhugaa, kan baaneef ummata Oromoo ammas mamii malee hubachiisu feena.
Dhimma dhibdee ABO furuu irratti carraan takkichii hafe nagaa, araaraa fi deebi’ani tokkoomuu moonaa dhaaba seenaan waliitti nu hidhe kanaa, moonaa QBO fi gabbifamu gurmuu Saba Oromoo tahu amma illee akkuma itti amanneetti jirra.

Kanuma waliinuu nagaa egeree Oromoof furtuu taate; Araara dheebuu Bilisummaa Saba keennaaf Karra-Gaddaa tahu beennu; tokkummaa yaamamuu dhaaba ABOf akkasuma bakka gahuu Kaayyoo siyaasaa Oromoof murteessummaa sadarkaa akka du’aa fi jireennaa taheetti ammanaa, akka amanamu barsiifna.
Duuba, labsii egeree hunda keennaaf akkanaan murteessaa tahe kun, akkanumaan harkifamee hundaan kan didamuu fi hanqifamu yo tahe, nuti WBO ZK, Dirree qabsoo ABO Kibba Oromiyaa fi fuulli lafa Oromoo gamanaa haala irra-dibaa fi dimimmisa hin qabneen seenaan duddubbata jenna!

Dhaamsa/yaamicha ar’as qabnu;
1. Miseensotni ABO fi ummatni Oromoo bal’aan ammaa illee taanaan kunoo haala nagaa, araaraa fi tokkummaan waan hundaaf ni tola jennee waliin itti amannu gara hanqachuutti guduunfamaa jiru, miidhaa haalli akkasii egereef qabaatus gahummaan akka waliin hubannu ammaas yaadachiifna. Itti-fufa amaloota diiggaa, fedhii didiqqaa namootaa, ilaacha wal moo’uu hogganoota ABO, murnummaan Oromoo caalchifamuu, dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu itti fufsiisuu fi gochaalee qabsicha hiddaan buqqisuu karorfatamuun deemaa jiru kanneen ariitiin, ammuma dhaabsuuf akka waliin dhaabbannu jenna.


2. Gareelee ABO sadeeni keessaa QC-ABO akeeka, tarkaanfii, ejjennoo fi yaamicha WBO ZK kan nagaa, araaraa fi tokkummaa mararfachuun itti owwaachuu qofa osoo hin taane, wareegama kanuma qofaafuu WBO ZK ergasii guyyuu baasaa jirruu ulfeessuu isaani Oromoos beeksisaa, ofiifis hubannaaf.


3. Ammaa illee taanaan Oromtichaa fi Oromomtittiin, keessattu ammoo miseensotni ABO humna WBO ZK ABO akka agabuu/qoonqoon adabamuu, miidhamuun faca’u akka hiree dhumaatti itti murteeffamaa jiru kana waan dandeettaniin qulaamsattan iyyannaa Oromummaa ida’anna.

4. Dubbii nagaa, araaraa fi tokkuummaa wareegamaan yaamne jirru kun gara itti deemu hubachaa waan dhufneef akkuma ibsaa WBO ZK isa dabre keessatti dhaamanneetti kanafu ar’aa irraa kaasee WBOn ZK ABO gara aadaa Gadaa Oromoo (Rabaa-Gadaa) fi Waldaa Machaa fi Tuulamaatti himata keenna haalota kana hundaa dabarfannee akka jirru kabajaan hunda beeksifna.

5. Beellamni gabaasaa WBO ZK kan dhumaa, dhimma yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa 13/10/2009 hundaaf labssinee, akkuma jalqabuma irraa waliin qabanneetti, dhugoomuu fi hanqachuu akeeka kanaa gama keennan ibsa itti aanuun ni dhihaata. Kunis gaafa ayyaana WBO seenaan nu badhaase sun, Ammajii 01, 2010tti taha. Hagasiittis hawwii ABO tokkicha: WBO takkichaa fi Oromoo tokko taatu walumaan itti deebine arguu dhundhumanne sunis ammaas kan fuluma ofii jiruu fi obsaan eegachaa jirruu dhaamanna.

Hagasiittis, ammaa illee dhibee ulfataa fi fokkaataa moonaa ABO/QBO/Oromoo gara balleessuutti geesse kana karaa gaaddisa nagaa, araaraa fi tokkummaan hiikkaa itti argamuu akka danda’u fi furmaatni dhumaa osoo kana caala hin farkifamnee, ariitiin waloon itti soqamu qabu filanna.
Balaan tokkummaani hanqachuutti aante itti fuftu, hundumaas dhiba. Balaan akkasii gara tokkoof toltee, gara kaan qofaaf (fknf. Nuti WBO ZK tanafaa qofaaf!) hammaatti jennee hin amannu.

Oromoon tokko (ykn cinaachi ABO tokko) Oromoo dhuma akka isaa/isii kan nagaa kadhachaa oolu tahe, kaan ammoo is nagaa/araaraa/tokkummaa kadhatamu tahuu itti-fufuun kun guyyaan dhumatu fagoo hin jiru. ‘Adoo gaafaaf boonnu gurraa nu murani’ tana dhaabsisuuf ammuma illee ijibaata haa goonu.
Duuba fafa seenaa keessatti dhiifama hin qabne, kan walirraa baqatanii hafuun akkanaa kun egeree ABO, QBO fi Oromoo irraan gahuuf taa’u, ammaa illee ittuma yaadamee, hanqisuun hin dabarre jenna. Hundi xuruuraa gabrummaa kanaatti dammaqee, akka seenaa dandamachifnu, egeree iggiteessuuf waliin hojjannuun ABO/Oromoof irra qaroomaa kunoo dhaamanne!
Injifannoo Ummata Oromoof!
WBO ZK ABO
Muddee 19, 2009.

Wbo_zk_abo2010@yahoo.com
dimaoromo@gmail.com
Also visit our temporary blog, http://dimaoromo.blogspot.com

No comments:

Post a Comment