Tuesday, December 1, 2009

IBSA WBO ZK ABO Marsaa 2ffaa


ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

جبهة تحريراورومو


Lakk: 0008/yaamicha-wbozk-abo/2009

Guyyaa: Sadaasa 29, 2009


Ibsa WBO ZK ABO marsaa 2ffaa.
Barruun tun gabaasa Itti-bahaa tarkaanfii/ejjennoo/yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa ABO, QBO fi Saba Oromoof WBO ZK gaafa Onkololeessa 13, 2009 labse ture kan haga yoonaa, dhaabbii gareelee ABO sadeeni, wannneen hubataa dhufne, dhaamsa qabnu fi yaamicha waliigalaa hammata.

Gaafa Onkololeessa 13, 2009, humna dhaaba ABO kan ta’e Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii ABO Kibba Oromiyaa (WBO ZK ABO) rakkinoota haga dabraa, yeroo dheeraaf furmaata dhabuu dhaan, dhaaba ummatni Oromoo hunda caalaa mararfatu ABO, naafisani argaman; akkasuma Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) gaadi’e jiru; dharraa Bilisummaa akkasuma dheebuu abbaa biyyummaa Saba kabajamaa Oromoo haalotni kun gara dhaaressuutti cesisaa dhufan; gama keennaan fala takkicha hafe jennee amannu-nagaa, araaraa fi tokkummaa waliigalaa qaama ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii ABO’ deegaruuf tarkaanfii seenaa rakkinoota mooraa ABO, QBO fi ummata Oromoo keessatti hin irraanfatamne jennee laallu akka kanaatti aanuutti fudhanne, labsuun keenna ni yaadatama.
Barruuleen sun;
Ibsa WBO ZK - Xalayaa Lakk: 0001/ibsa-wbozk-abo/2009,
Ejjennoo WBO ZK - Xalayaa Lakk: 0002/ejjenno-wbozk-abo/2009 fi
Yaamicha waliigalaa – Xalayaa Lakk: 0003/yaamicha-wbozk-abo/2009 ture.
Ka’umsa tarkaanfii/murtii/ejjennoo deegarsa nagaa, araara fi tokkummaa akkasuma akeeka tarkaanfii WBO ZK Onkololeessa 13, 2009 fudhatame ture laalchise;
Dhibdeelee dhaaba teenna ABO keessatti yeroo adda addaatti uumamuun furmaata Heeraa fi Seerota dhaabichaan argatuun ijibaatame, diigamsa dhaabaa, qabsoo bilisummaa Oromoo fi gurmuu Saba Oromoof hin malle dhalche argame faluu dhaaf, dirqama miseensummaan dhaabaa, Sabichaa, Kaayyoon itti irbuu seennee fi haalli yeroos nu ajaju bahatuu dhaaf, murtii fi ejjennoo fudhatuuf dirqamne turre.

Tarkaanfii deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa dhaaba ABO, QBO fi walumaa gala moonaa Oromoo tana yoo fudhannu, akka humna WBO ZK fi kanneen ejjennoo tana deegaran cufaatti, ofii keennaa rakkinoota jedhaman kanneen irraa qulqulloo of taasifnee, dhiba ofii qooda bifaa fi sadarkaa taheettu keessaa hin qabne tokko, akka furamuuf yaamicha goone jechuutti illeetti akka hin hubatamne namuu qaabsifna. Hundi keenna sadarkumaan, haga taheetti qaama rakkoo qabsoo, dhaabaa fi faca’u gurmuu sabichaa tahuu beekaa, kan hundaa akka nuufis waan keennatti, gamuma jirruun, dabre ammoo fuulota kamuuttu qaama furmaataa akkasuma hundi waliin tahuutti akka fuulleffannuuf, kun yaalii seenaa goone jennee laakka’anna.

Gama kaaniin, akkuma ‘nami wal yakku owwaachaa wal yakka’ jedhaniitti, tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa fudhanne eebbifamaa kana jallisuuf qofaaf jecha, akka waan WBO ZK kun maanguddoo araaraaa gara biraa tahe of dhiheesseetti warri sababaa diddaa tokkoomuu qaban akeeka seenaa kana yakkuu fi yarsuufaa agarre. WBO ZK tarkaanfii fi ejjennoo fudhateen ‘gartuulee sadeen maqaa ABOn of yaaman cufti waliitti dhufuun haa araaramani’ jenne yaalii tokkummaa eegalame turre deegaruun jabeessine dhiheessine malee, ‘koottaa isin araarsinaa’ hin jenne!

Akkasuma, wallaachaan ykn ammoo gariin aadaa fi muuyxannumaa iyyuu itti qabaachu dhabuufaan tahu kan danda’e, akeeka nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa ABO, QBO fi Oromoo jidduutti daballe dhiheessine kanaa deebisani akka biraa illeetti jallisuu dhaan marsaalee internet gara garaatti fi marsaa marii paltalk jedhamu adda addaarrattis ‘bifa yaadaa’ fakkeessani afanfaji kanneen uumuu yaalan hin dhabamne. Akeeka nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO ZK deegaruun babal’ise kanaa iyyuu akka gartuulee dhaan ‘harka waliitti kennadhaa’ jechuufaa, ‘dhiifama waliif tolchuu’ jechuufaatti, badiilee fi miidhama akkasuma hubama ABO, Zoonilee WBO, miseensota, hooggana, jaarmayicha, deegartootaa fi ummata Oromoo irraan falmaan akka malee dhaaba keessatti tatahe kun dhaqqabsiise ‘irraanfadha’ jennee dhiheessinefaatti kan hubatani, hubachiisuus yaaluunis hin hafne. Kun cufa sababootuma diddaa nagaa, araaraa fi tokkummaa jenne laalla.

Eegaa, nuti akeekni tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO ZKn Onkololeessa 13, 2009, wal dhabbiilee dhaaba ABO keessatti deddeebi’ani mudatani, haga yoonaatti bifa kamiinuu furmaata argachuu dadhaban faluu qofa akka tahe ar’as irra deebine hubachiifanna.
Kana ammoo haalli diigamsaa, addaan deemuu, dhaabotni maqaa ABO himatan sadii ykn sanaa olii illee moggaasuun haga yoonaa argameef hiikkaa walumaagala dhibdeelee jiraniif fiduu waan dadhabaniif, roga biraa irraa yaali akka yaalii eegallu taane. Kanuma waliin akkuma murnummaan fala hin taane, murnii tokkoo illeen haga ammaatti jabaate jaarmayaa, hujii fi qabsoo waliigalaa fuula dura tarkaanfachiisuu dadhabu dhugaa diida jirtu tahurraa, haalli addaa fala addaa kan fedhu waan taheef, tarkaanfiin, murtii fi ejjennoo akkasuma yaamichi addaa sun barbaachise/barbaachisa jennee gaafas, ar’as amanna.

Dhaabni sadii kan maqaa tokko waliin qabu; kan laakofsa nama manuma tokko keessa waliin jiru wal saamuu qofaa karoora qabsoo sabaa godhate; hujiin fardeeffamu wal balleessuun maqaa ABO dhaaluu callaa; fi qabsoon himatamu kan morka hin dhumnnee, matoomi jiru kan ‘kabajaa’ namootaa, tuutaa fi kkf qofa waardiyu; dorgommi walirraa aanu qofa akeekkattuu; fi haala galiin qabsoo bilisummaa sabaa xurii akkanaan bakka bu’e; kaan kaan balleessee ofiif ‘maqaa’ qofaa fi ‘wakkiilummaa qabsoo’ dhaaluu callaa tahe argamu kana hifanne, quufne, jibbine, balaaleffanne, nu gahe!
Kun nuu, WBO ZKf kanaan booda karaa miti! qabsoo miti! dhaabaa miti! hujis miti! Karoora qabsoo galii sabaa dhugoomsuu miti!.....badii dha! Yakka-yakkaarraatti ida’achuu dha! Nuti gama keennaan haalaa fi deemsa akkanaa kana hunda dhaareffannee, humaa keessaa dhabnee dhiifne, namuu akka dhiisuuf miseensummaa fi Oromummaan lallabne. Harkii caalaan humna gartuulee ABO sadeeni, hooggana isaanii dabalate garuu amma illee, ar’aa illee, achuma, bakkuma sana jiraatu agarra. Kana guddoo taajjabne, gaddines jennaan! Haala kanaan kan injifatamu Oromoo dhuma, dhumarratti kan moo’us diinuma tarsimoo qofa jennee amma illee dhaamnaaf.

Kan barbaannu, gara qabsoo sabaatti of-deebisuu gartuulee dhaaba ABO sadeen; rakkinoota dhaaba ABO keessaan diiguu bira dabre QBO fi gurmuu saba Oromoo facaasaa jiru kanneen ariitiin fala (itti waliif galamu) lafa kaa’uu dhaan; gara dhaaba ABO, jaarmaya isaa, qabsichaa fi guruu miseensotaa akkasuma sabaa waalt’essuun; dheebuu saba Oromoo tan taatee Bilisummaa Ummata Oromoo fi Walaabummaa Oromiyaa dhugoomsuutti cufti keenna waliin tokko taane, waliin ol-ka’uu dhaan mirkeessuuf waliin hojjatuu ti.

‘ABO 3n’ yaamicha Onko. 13, 2009 WBO ZK tolchineefiitti owwaachuu laalchise;
WBO ZK tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaaf fudhate akka gama dhaabaa adda babbahe kamuunuu waliitti hidhamee hin laalamneef, murtii fi ejjennoon akeeka kanaaf fudhate taatuu fi hanqattuus, fudhatamtuu fi didamtuus, faarfamtuu fi balaaleffatamtu illee, WBO ZK dhuma akka maqeeffattuuf jecha ajaja ‘ABO sadeeni’ kamuu jalaa bilisa of taasisuu ifaatti ibsinee turre.

Akkasumas, akeekni nagaa, araaraa fi tokkummaan yaamne hundaaf qixxee akka tahuuf, milkeessuuf gami kamuu akka wal qixa itti tahuuf, marii, haasawaa fi kanarratti illee waliitti deddeebisuu maluuf waraana zoonii tanaa biraatti gartuu kamuu nuti kan wal hin caalcifnee fi carraan isaani nu biraatti wal qixxee akka taate ibsaa fi ejjennoon labsanne, addeessine jira. WBO ZK gama kamiifuu kan hin baabsine tahuunis kakuu humna dirree akkuma ture amma illee tahe jira. Akkasuma ergaa nagaa, araaraa fi tokkummaa yaamnee ammoo, kanneen yaamicha kanaaf owwaatan kamuu waliin dubbachuuf banaa akka taane, banaatti kan wal marihannuu fi waan gama kamuu irraa dhagahamu akka walii keennaa fi Oromoota hundumaa beeksifnu imaammataa fi dhaamannoo keenna.

‘ABO 3n’ jechuun gartuulee ABO Shanee Gumii (ShG ABO), Qaama Cehumsaa (QC ABO) fi Koree Yeroo (KY ABO/Jijjiirama) wal duraa duubaan ibsoota babaasaniin tarkaanfii deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO ZK fudhate kan deegaran tahuu, akka kanaan gadiitti beeksifatani turan. Kunis, akkuma wal-duraa duubummaa ibsa baasaniitiin;
i) Shanee Gumii (ShG-ABO), ShG GS ABOn – Gaafa Onkololeessa 20, 2009.
ii) Qaama Cehumsaa (QC-ABO), KHGn – Lak.111/ABO/09, Onko.26, 2009.
iii) Koree Yeroo (KY-ABO), WKYn – Gaafa Sadaasa 07, 2009.
Cunfaadhaan, gartuuleen ABO sadan oliitti tarrifaman kamuu, ibsoota wal duraa duubaan baasaniin; Tarkaanfii, murtii, ejjennoo fi yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO ZK dhiheesse kan deegaran, fudhatani fi milkeessuuf hojjattan tahuu isaani beeksisani turan. Kun eegaa waan barruuleen ibsoota dhihaatani hammatan ture.
Barruuleen ibsoota kanneen fi qabiyyeelee isaani akkuma marsaalee oduu afaan Oromoo gara gara irraatti naafamani turan, marsaalee (websites) gartuulee kanneenirratti ammaa illee argamu.

Deebisaalee fi ejjennoo gartuulee ‘ABO 3niiin marii WBO ZK suduudaan itti dhiheesseef laatame.
Deebisaa fi hafuura qaama araaraaf uf-dhiheesse ture kan ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii ABO’ eegne dhabuun yaadda’aa dhufurraa gaafa Sadaasaa 15, 2009, karaa koree dhimma qunamtiif WBO ZK bakka buufate, Koree Takkaarrii, dhaamsaa fi ergaan bifa barruun suduudaan matoota ‘ABO 3niif’teessoo isaani e-mail dhaan ergamefi ture. Xayalaan matoota ABO 3niif WBO ZKn mariif ergame, guyyaan ergamee fi dhaamsi hammate tokkichuma ture.
(Barruun dhaamsaa fi ergaa akkasuma marii karaa matoota jaarmayoota isaanii ABO 3nf ergame ture sun xalayaa ibsaa kanaan waliitti maxxanfame gara jalaatti argama.)

Dhaamsa, ergaa fi marii suduudaan hoggana ABO 3niifuu ergine turre kanaaf, akka deebisaa/ejjennootti QC-ABO ibsa sirnaa baasee nuun gahe jira. Mataa jaarmayichaan (D/T QC ABO), ammoo hiree arganneen itti fufne qaamaanis ejjennaa qaban irraa dhagahuuf carraa dabalataas arganne turre. KY-ABO/Jijjiirami bifa ibsaan osoo hin taane, barruu dhaamsotaan, dabalee bilbilaan karaa qaama hooggana jaarmayichaa olaanoo keessaa ejjennaa isaanii qabsiifatani jiru. ShG ABO karaa mataa jaarmayichaa (HD GS ABO) dhaamsa bilbilaan, dabalee karaa miseensa hoggana gartuu sanaa kan fuula jirruutti argamuutiin hiree qaamaan wal arguu taheen ejjennaa isaani qabsiifatani jiran.

Haa thu malee guutummaa deebisaalee fi ejjennoolee dhihaatan kanneeni, barruu tanaan labsuuf mirga, kabajaa, naamusa qunnamtii fi safuu Oromummaa illee jaarmayoota/jaallan hooggana isaani kanneeni kamuu eeguufiif jecha deebisaalee/haasawa nuuf dhihataniif fi ejjennaa ABOn 3n ergatan laalchise waan ibsa sirnaan nutti dhufe illee dabalate, dhaamsotaa fi haasawa gama kamuu waliin goone keessaa haguma ibsa kanaaf barbaachisu qofa, bifa isaan kamuu hin addaatti miineen (warra waan akka malee nuuf deebisan illee dabalate, of biraatti qabuun, ofiif ittiin miidhamu filachaa), cuunfaa dhumaa ejjennoolee dhiheessu filatu dursinee hubachiifna.

Tahus sadarkaa kanaatti hubannaaf akka toluuf dhaabbiin gartuuleen ABO 3niitu ibsoota barruu dhaan akka oliitti odeessuu yaalleetti tarkaanfi WBO ZK deegaruu isaanii ittiin beeksisani turani fi ejjennoon deebisaalee xalayaa suduudaan marii WBO ZK gaafa Sadaasaa 15, 2009 matoota jaarmayaalee kanneeniif ergineen dhiheessan kan wal hin fudhanne tahu akka kanaatti aanuutti wal duraa duubaan gabaafna.

i) Shanee Gumii ABO
Gabaabumaatti, dhimma rakkoo ABO keessatti dhalate, miidhaa geessifame jedhan fi akkaataa furmaataa laalchise dubbii qaami ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyii’tti waan kennatameef, sanuma eegataa akka jiranii fi sanumaan xumura dubbii tanaa eegu kan filatan tahu isaani. Tarkaanfiin WBO ZK ammoo akka daandii araaraa gara biraa ykn WBOn ZK maanguddummaaf akka biraatti of dhiheesseetti hubatani illee waan jiruuf, daanduma jalqabaa (‘bu’ureessitootaa…) sana dursuu fi itti bahaa sanaa kan eegan himatan. Kanuma waliin gartuulee maqaa ABO qaban lamaan hafan laalchise KY-ABO waliin karaa qaama ‘bu’ureessitootaa…’ gaaddisi beellamame akka jiru. QC ABO waliin ammoo suduudaan gaaddisa qaama araaraa ‘bu’ureessitootaa….n’ alaatti wal haasawaa akka jiran. Yaaddoo tarii qaami araaraa ‘bu’ureessitootaa’ kun dirqama isaani bahuu hanqatuu ykn karaa isaani gartuun biraa dubbii waliin fixachuu laafisu ykn hanqachuu malu itti dhiheessineef ammoo ejjennaan qaban-yeroo haga qaama araaraa kana dubbiin tun gaafattu cufa laatuufiin (yeroo hangamu yo tahe!) waan itti buufatan dhagahu akka fedhan, hanqatu ammoo hangamu turu, gaafa tokko ofii isaaniiti (ShG) akka jaarmayaatti ibsa ijibaataafaa akka baafatanfaa ejjennoo isaani thu qabsiifatan. Ibsi Onko. 20, 2009 baasan ammoo akkas hin jedhu.
Tarkaanfi nagaa fi araaraa WBO ZK fudhateef ammoo suduudaan itti fufaniakka jaarmayaa ShG qofatti/kophaatti zoonicha waliin haasawuun xumuratu akka fedhan dhiheeffatan.

ii) Qaama Cehumsaa ABO
Sadarkaa duraatti, haasawa mataa jaarmayaa kanaa irraa qaamaan hubanneen, tarkaanfiin WBO ZK fudhate seenaa qabeessa tahu isaa, dhaamsa, ergaa fi mariin suduudaan Sadaasaa 15, 2009 Qorbituu Takkaarriin hooggana isaanittii ergame isaan biraatti fudhatama kan qabuu fi ijibaata rakkoo dhaaba ABOf akkasuma QBOf kan tahu jechuutti dabalee, falli jiru sanuma tahu isa akka amanan, milkeessuufis gama isaaniin waan malu/danda’ameef cufa godhuuf qophii tahu mirkaneessan.

Haa tahu malee ibsi qaama hoggana KJQBO-QC ABO Washington DC irraa ajaja mataa dhaabichaan qophaa’e gaafa 19/11/2009 nutti ergame akkas hin jedhu.
Kan ibsichi addeessu, tarkaanfiin WBO ZK deegarama tahu isaa, QC ABO akkuma WBO kanaatti ammoo dursee iyyuu dhuma bara dabreetti yaamicha fakkaataa godhe akka turee fi suduudaan gartuuleen ABO akka waliin dubbatuun furmaataan hojjatan dhiheese akka jiru.
Jaarmayootni ABO lamaan hafa yaamicha isaani kanaatti waan owwaataniif fi mariin waliin waan eegalameef, itti bahaa mariilee kanneeni booda, keessattu yo milkaa’u hanqatan tarii yaada WBO ZK kanaatti deebi’u akka malan, walumaa gala deemsa araaraa itti jiran irratti waan irraa gahanis yero yeroon kan WBO ZK beeksisan tahu ibsatan.

iii) KY ABO (Jijjiirama)
Barruu ibsaa tarkaanfii WBO ZK laalchise baasani fi ejjennoon suduudaan dhiheeffatan akkasuma kan wal hin simannee dha.
Ejjennoon suduudaa cunfaadhaa;
Yaada moonaa qabsoo Oromoo tokkoomsuu fi gaaddisa tokko jalatti deebisuu jedhu Adoolessa 1, 2008 irraa kaasee irratti hojjataa akka turan. Hujiin kun akka imaammataatti kan labsatan tahu isaa. Imaammann qaban kunis Sadaasa 8, 2008 jaarmotaa fi gurmuulee Oromoo jaha (6), maqaa ABO qabanii fi hin qabnellee dabalatee, hundaaf xalayaa barreessuun sirneeffamu isaa.
Deebii jaarmotaa fi gurmuuleen adda addaa kennan irra dhaabbatuu dhaan hujii eegaluu isaanii, marii waggaa tokkoon booda jaarmotaa fi gurmuuleen shan (5) Onkoloolessa 31, 2009 walitti makamuun tokkooman jiran jedhan.
Kanuma waliin mariin qaamoota ABO waliin godhamus eegalamee sadarkaa adda addaa irra jiraachuu. Fknf haasaan KY ABO fi QC ABO waliin gidduu-galummaa maanguddummaa kamiin alaatti eegalame sadarkaa xumura irra jiraachu isaa.

Araarri ‘bu'ureessitotaa fi buleeyyii ABO’ kan dhiyaate jedhan erga KY ABO yaamicha isaa dabarsitee hujitti seenteen duuba tahu isaa. Qaamota hooggana ABO sadiihiif xalayaan ‘bu’ureessitoiotaa fi buuleyyiin’ barreessan KY ABO fi ShG ABOn yoo fudhatama argatu, QC ABOn fudhatama akka dhabe ture.
Mangudgummaa ‘bu'ureessitotaa fi buleeyyii ABO’ tin mariin marraa tokko KY ABO fi ShG ABO giddutti ta'ee, kan marraa 2ffaa dhihootti tahuuf akka jiru.
Akka yaada xalayaa Qorbaa takkaarrii itti ergame itti hubatanne jedhaniitti, kan WBO ZK gaafata jiru araaraa haarayatti eegaluu, akkasuma WBO ZK akka qaama araaraa gara biratti of dhiheesseefaa akka tahe. Deebisaan/gorsii/yaanno/ejjennoon sanaaf qaban ammoo yaadni marii araaraa KYn eegalame jiru deeggarsa dabalataa WBO ZK illee irraa argatee akka fiixa bahu gochuu qofa jedhan.
Rakkoo kanaaf fala kan ta'u jedhanii laalan, zooniin ajaja dhaabaa (KY ABO) jalatti deebi'uun marii/yaalii araaraa KYn hunda dursee iyyuu eegalame fudhannee waliin fiixa baasuuf hojjachuu fi kkf.

Waliigalaatti haalota gartuulee ‘ABO 3n’ irraa calaqisuun hubatame
Idileetti, akka gartuulee fi jaarmayaalee sadaniittu nagaa, araaraa fi tokkummaa jedhame fedhurratti wal fakkeennan ibsatu,

QC ABO fi KY ABO tokkummaa fakkaataa (gara garaatti) bara dabree keessa akka jaarmayaatti yaamani turan milkeessuuf, karuma isaani itti fufani dhiibuu filatu. KY ABO daandii marii tokkummaa eegalan milkeessuuf warri hafe akka isaan waliin dhaabbatuun irraa wayyaa dhiheeffatu. QC ABO yaamicha isaani kan karaa qabate jiru waan irraa gahu baruuf ammaaf sanuma eegu filatu.

QC ABO araaraa, tokkummaa fi maanguddummaa jiddu-galummaa qaama ‘bu’ureessitoota fi buuleyyiin’ geeggeffamuutti hin amanu, irra illee hin hirmaanne/hin hirmaatus..

ShG ABO fi KY ABO jidd-galummaa bu’ureessitootaa fi buuleyyiitiin’ waliitti haasawuu fudhatani turan. Tahu iyyuu, haga ammaatti marroo tokko qofa akka haasawani fi kan lammeessoo fuula dura isaan jira jedhu. Lameenuu akka jaarmayaa fi hogganaatti suduudaan waliitti siquu ykn haasawuuf hedduu addaan fagoo jiran, fedhii akkasiitis ammaatti hin qaban.

ShG ABO hoogganaa fi jaarmayaa QC ABO waliin suduudaan haasawuun waan tokko irraa gahu akka malan himatu. KY ABO fi QC ABO illeen akkasuma sadarkaa waliin xumurachuu irraa gahaa jiraachu himatu.

ShG ABO fi KY ABO ofiif waliin nagaa bu’uudhaa fi waliitti araaramuuf (suduudaanis tahe qaama araaraa jidduu taa’uu kamuu keessaan), waliitti dhufuu osoo hin taane, isaan kamuu gara garaatti WBO ZK akka suduudaan isaaniitti deebi’u gara garaatti barbaadan, gaafatan.

ShG ABO fi KY ABO jidd-galummaa qaama ‘bu’ureessitootaa fi buuleyyiin’ waliitti haasawuuf yaamicha qaama kanaan godhame tureef owwaatanii uyyuu, lameenuu, waltajjii sanaan waliin fixachuuf walirrattis tahe, maanguddummaa sanarratti abdii hin qaban.

Sababoota adda addaa tarrisaniif, karaa waltajjii jaarrrummaa qaama araaraa (‘bu’ureessitoota fi buuleyyii’) kanaan, rakkini ABO kun furame, tokkummaan hawwamu dhufuu isaa, harkii caalaan hooggana gartuulee ABO, miseensotaa isaanii fi deegartootni gartuulee kanneen jala hiriiran amanti hin qaban.

WBO ZK kun tarii nagaa, araaraa fi tokkummaan gaafate hanqaturraa fi/ykn haaluma rakkina gara garaa dirree qabsootti beekaman adda addaa irraa, akkasuma tura keessa abdii kutatuu dhaan gara faca’uufaatti deeminna ‘abdii’ jedhuun, akkuma kanneen haala akkasii keessaa waa eegataa jiran dhagahaman/mumul’atan, kan haala akkasii mudatu keessatti humna ‘masaanuu’ jedhamu diqqaa cinaa sanaa qabaatu abdatan (kan amma nama itti leejjifatuun dabalatuuf fiffiigaa jiramu), ‘qaawaa’ humni guddichi ZK kun irraa ‘deemuun’ uumuu malu buufatuu dhaan, “qabsoo itti fufuu” kan tilmaamatanis hin dhabamne. Garuu Itti-bahaa yaamicha WBO ZK nagaa, araaraa fi tokkummaa irratti kan hirkatuu fi gaafa Ammajii 01, 2010tti gara taheetti kan mirkanaa’u, yoo tokkummaan hin jiraannee, sanaan achi qabsoon dhuga waan hin jiraanneef, fuula kanaatti maqaa hin jirreen, sana booda ummata Oromoo miidhuun kanaafuu akka hin jiraanne WBO ZK ammumaan hunda akeekkachiifna.

Ilaalchaa fi ejjennoon goggodduun adda tahe ammaa illee gartuulee ShG ABO fi KY ABO jidduu caalaatti mul’ata. Laafaatti fi dhihoottis kan waliitti siquun hin eegamnes kanneen kana jidduu dha. Sababiin hundee haala kanaaf hubatame, addaan bahinsaa fi morkiin jiddu jirru yeroon isaas dhihoo fi ammaa illee oowwaa waan taheefaa fakkaata. Gartuun lameenu QC ABO waliin haasawuu fi yo tahe gara fixachuutti kan deemu maluuf adda addadummaa, morkaa fi falmiin QC ABO waliin gara garaattis isaan qaban isa turaa, kan qabbanaa’e jiruu fi dubbiin QC ABO baroota waan laaka’atee jiruuf kan hundaaf caalaatti haffallate fakkaataf. Falli gartuun lameen dubbiin jidduutti ammaa illee jabduu kun laalaa jiran keessaa haalli addaan jiraatu isaani kun akkuma kan QC ABO sanaatti baroota haga tokko itti fufe yo laaka’ate, dubbiin ofumaanu dhama fixachaa, barrii/haalotni biraa dubbii jidduu dulluumsaa deemuu fi qabaneeffatufaa waliif tilmaamu.

Cuunfadhaan dhugaan jirtu garuu, harki caalaan gartuulee ABO jiran kanaa nagaa, araaraa fi tokkummaa jedhame idileetti kan fedhan tahu himatani illee, bifa, akkaataa, yeroo fi haala dureelee gartuu isaaniif caalmaatti bu’aa qabaatu qofaan kan itti seenan akka haala dureelee ifaatti hundaatti hin himamneetti gra garaatti qabu. Warra waliin nagaa bu’an, waliitti araaramanii fi waliin tokkoomanis ulaagaa mataa isaani kaayyatuu dhaan kan filatan fakkaatu. Araaraa fi tokkummaa maanguddummaan ykn gartuulee sadan jiran keessaan kaaniin ykn WBO ZKn dhihaatu osoo hin taane, yaamichaa, sagantaa fi qophii ofii isaaniitiin dhufu gartuuleen harkii wayyaan barbaadu. Itti yaamamuu fi kaan irraan dhufu irra, tokkummaa ofiif yaamaniin, abbaa itti tahani, maqaas itti fudhatani tartiibuma isaaniitiin, ariiriitii tokkoon maleetti geeggeffatu/geeggeffamu kan filatu fakkaatu..

Yaamicha waliigalaa
Hoogganootni gartuulee ABO sadeen ammaas akka yaadota morkaa fi matoomaa moonaa QBO fi ABO diige kana irraa deebitani, gara ofiifi tokkoomtani, dhaabaa ABO, QBO fi ummata Oromoo waliin tokkoomsitaniitti akka ariitiin deebitan ammaas irraa deebinee isin gaafanna.

Dhaamsa qabnu
Faarulee, ergaalee, dhaamsa/dhaamannoo, murannoo, dhaadannoolee tokkummaa ABO/Oromoo fi kkf suduudaan walgahii waliigalaa dhihii dirreetti baklka takkaatti geeggeffateen muraasotaa fi buttaaleen WBO ZK akkasuma jaallan fi ilmaan Oromoo gamtaan; Hogganaa fi miseensota gartuulee ABO sadaniif, ummata Oromoof fi Zoonilee WBO hfan akkasuma miseensota WBOf fi kkftuuf qopheessani dhaammatan bifa DVD dhaan suduudaan karaa caasalee isaanii fuula jirruutti argamaniin ABO 3niif erguu gabaafna. Ummata bal’aas karaa waltajjiilee fi walgahiilee gara garaan gahuuniin karoorfame jira.

Hogganootni jaarmayaa gartuulee ABO sadeen, ergaa nagaa, araaraa fi tokkummaa dhihaateetti akkuma ibsootni jaarmayoota keessani jaqaba addeesse tureetti dhugaan kan itti-amantan taate, gareen jirtan kamuu guyyaa ar’aa irraa kaasee qaama hooggana sadarkaa olii keessaa namoota lama-lama (2:2), bakka buufachuun zoonii WBO Kibbaatti akka ergattan isin afeerra. Hiree sanaan ejjennoo nagaa, araaraa fi tokkummaa hawwame irratti jaarmayaa fi hogganni keessan qabdan akka humna waraana keessaniitti ibsattani fi dhaabbii akasuma dheebuu nagaa, araaraa fi tokkummaa ABO, QBO fi Sanba Oromoo WBO ZK kun qabu ofumaafu akka hubattaniif kunoo isin yaamne. Jilli keessan gaafa Mudde 15, 2009tti dirree WBO sana akka dhaqqabu dhaamanna. Haala kan milkeessuuf Qorbituu Takkaarrii waliin akka wal quba qabaatan ammuma irraa dhaamanna.

WBO fi dirreen qabsoo dhaaba ABOn heeraan eessattuu utubamee fi saaqame kamuu haga Kayyoo fi jaarmayaa isaa hin ganiniitti humna qabsoo bilisummaa Sabaa Oromoo ti. WBO ZK fi Dirreen/Zooniin WBO Kibba Oromiyaas qaama seenaa QBO dhaaba ABOn utubamee, diriifamee fi hogganamaa as gahee dha. Gartuuleen ABO sadeenu akka jaarmayaa fi hoogganaattis ar’aaf addadummas qabaatan dhaabaa fi jaarmayaa ABO ti. Waan taheef, WBO ZK rakkoo dhaaba ABO naafifte akka furmaata argatu qofaaf tarkaanfii dhiibbaa waan fudhateef jireenna dhabuu ykn jireennaan doorsifamuurraa, gartuuleen ABO sadeenjiran kun kamuu, ammumaan gaaffii fi kadhaan maleetti qabeenna qabsoo qabdaniin akka dirmattaniif irra deebine yaadachiifna.

Miseensoti dhaaba ABO, deegartooni dhaabichaa/qabsichaa, maanguddooti Oromoo, hayyooti Oromoo, sabboontotaa fi Ka’imani akkasuma haawwan Oromoo tarkaanfii nagaa, araaraa fi tokkummaa ABO, QBO fi Ummata Oromoo dhugoosuuf WBO ZK gaafa Onk. 13, 2009 fudhate kana milkaa’uu fi hanqatuun isaa isiniifis dhimma keessan tahu yaadachiifna. Kanaaf itti dhiheennaan akka hordoftanii fi milkeessuufis bira dhaabbattan gaafanna.

Amma illee taanaan guyyaan ayyaana WBO kan Ammajii 01, 2010 guyyaa itti bahaan tarkaanfii nagaa, araaraa fi tokkummaa waliigalaa WBO ZK yaame kun dhugoomuu fi hanqatuu isaa itti gabaafamu waan taheef, gartuulee ABOs, miseensonni, deegartootaa fi ummati Oromoo sanaa asiitti hamtuu oolchuuf waan irraa eegamu cufa akka tolchitan irraa deebine dhaamanna.

Nagaa, araaraa fi tokkummaan WBO ZK dhaaba isaa ABO, qabsaawota waliigalaa fi Oromoo akka sabaatti dhiheesseef kun sababoota seenaan hin fudhatamne gara garaan kan hanqatuu fi didamu yo tahe, WBO ZK iyannaa fi himannaa isaa yeroo beellameen achiitti gara ummata Oromootti, aadaa sirna Gadaatti fi Waldaa Machaa fi Tuulamaatti kan dhiheeffatu tahu ammumaan hundaatti dabarfanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!

WBO ZK ABO
Sadaasa 29, 2009.

Wbo_zk_abo2010@yhoo.com





________________________________________




ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT


جبهة تحريراورومو


Lakk: 0007/xal-wbozk-abo/2009

Guyyaa: Sadaasa 15, 2009

Gara: Hoggana qaamota ABO addaan babbahan sadaniif;
1. Jaal Dawuud Ibsaa: HD GS ABO (Gartuu ABO-ShG),
2. Jaal Dhugaasaa Bakakkoo: D/T ABO (Gartuu ABO-QC) fi
3. Jaal Kamaal Galchuu: DD KY ABO (Gartuu ABO-KY/Jijjiirama).
Dhimma: Itti bahii tarkaanfii, murtii, ejjennoo fi yaamicha WBO ZK (13/10/2009), kan haga ammaa wal dhageessisuu.


Dursa nagaa Oromummaa dhaamna!
Wal dhabbii, qoodamiinsaa fi addaan bahinsa dhaaba ABO keessatti baroota 2001-2009 keessatti mudateef falli qabatamaa fi furmaati hawwamu haga yoonaa dhibuu irra WBO ZK gaafa 13/10/2009 fala takkicha hafee jedhame humna zoonichaan kan amanamu tarkaanfi nagaa, araaraa fi tokkummaa moonaa ABO, QBO fi Ummata Oromoo yaamuun ni yaadatama.

Waraanni dhaabaa zoonii tanaa, qaamotni dhaaba ABO wal dhabiilee kanneen irraa wal duraa duubaan adda yaa’an, miseensotni dhaabaa, deegartoota, ummata Oromoo bal’aa fi mararfattooti dhaabaa/qabsoo tanaa akka deegarsa barbaachisu ejjennaa nagaa, araaraa fi tokkummmaa tanaaf laatan hunda gaafate ture.

Mangudootni bu’ureessitootaa fi buulleyyii ABO wal dhabbii murnoota ABO kana araarsuuf akka qaamaatti ijaaramani turan kan dubbii tana hordofaa turuutti quba qabamu ammoo bu’uraa akeeka furmaataa WBO ZK hawwe kanaa tahurra, tarkaanfiin nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO zoonii tanaan yaamame kun, deegarsa yaalii araaraa qaama bu’ureessitootaa kanaan eegalame jiru tahe akka hubatamus WBOn ibsate jira. Kanumaafu murtiin waraanaa tun, “tarkaanfi deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa…” jedhame moggaafame ture.

Eegaa, guyyaa tarkaanfiin deegarsa nagaa, araaraa fi tokkummaa kun WBOn gamanaan guyyaa 13/10/2009 fudhatuun hundaaf labsame as, 13/11/2009 ammoo baatii tokkoffaa dhaqqabne/xumurre jirra.
Itti-bahaan bu’uraa tarkaanfiin, murtii, ejjennoo, yaamichaa fi labsiin nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO ZKn baatii tokkoon dura dhihaate ture kun ar’a sadarkaa qabatamaa fi mul’ataa tahe tokko irra dhaqqabuu isaa akka itti aanuutti waliin geenna.

Kunis, qaamotni ABO addaan bahani jiran-gartuuleen yaamichii nagaa, araaraa fi tokkoomuu godhameef sadanuu, wal duraa duubaan, sirnaan akkuma jaarmaya-jaarmayaatiin;
Tarkaanfii, murtii, ejjennoo fi yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa WBO ZK dhiheesse akka deegertan, fudhattan fi milkeessuuf hojjattan ibsoota baaftaniin beeksiftani jirtu.
Murtiin deegarsa kanneeni fi labsooti sana hammatan; akkuma wal-duraa duubummaa baafamaniitiin;
iv) Shanee Gumii (Shg-ABO), ShG GS ABOn – Gaafa Onkololeessa 20, 2009.
v) Qaama Cehumsaa (QC-ABO), KHGn – Lak.111/ABO/09, Onko.26, 2009.
vi) Koree Yeroo (KY-ABO), WKYn – Gaafa Sadaasa 07, 2009.
Hamma sadarkaa fi guyyaa kanaatti, wal fakkeennaan yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummaa dhihaateef owwatuun kun abdachiisaa jenna.
Murtiilee fi deegarsa jaarmayaa keessa (akka gartuulee sadaniitti) barruulee ibsa sirnaan baaftaniin mirkaneessitani jiran walgahii humna WBO Zoonii kibbaa bakka takkaatti geeggeffamuun dhugomeef gabaafamus hubachiifna. Haa tahu malee hundi keenna, miseensotaa fi ummata Oromoo ida’annee, gaaddis akeekatame kana dhugoomsuuf hujiin caalu akka nu hafuu fi waliin tahanii milkeessuuf hojjatu akka gaafatu mamiin hin jirtu.

Gama kaaniin, qaamni maanguddummaa dhimma kanaaf eegamaa jiru, miseensota bu’ureessituu fi gameeyyii ABO akeeka kanaaf ijaaramuun dhagahamaa ture, kan WBO tarkaanfii fudhateen deegaru labse, akka abbaa dhiibbaatti eegaa jiru, haga ammaattu irraa dhagahuun hin danda’amne.
Ibsa faca’eetti ida’ee marroo lama barreeffama suduudaan karaa D/Buutuu qaamichaa, deddeebi’ee yaamichii tolfameefi, akkasuma deebisaan bifa tahee iyyuu, qaama araaraaf utubamuu faarsaa turre irraa dhibuu isaa, taajjabbii olaanaan isin hubachiifna.
Beellamni dhumaa qaama maanguddoota araaraa bu’ureessitootaa fi gameeyyii dhaabaa kanarraa dhagahuuf qabame amma gaafa 15/11/2009 tahus achumaan quba wal qabaachifna.

Beellama maayii kanaatti qaama bu’ureessotootaa kana irraa kan dhageennu fi/ykn nurraa hafuu isaani irratti kan hirkatu, gaafasuma irraa kaasee kanaafu isin matootni hoggana gareele ABO sadan, haala maangudootni nurraa hafuu malan akkasii keessatti, akkamiitti akka dhimma ulfaataa fi dhaaba ABO akkasuma Oromoof hunda caalaa fardii jedhamu kana itti gara gaaddisa waloo kan nagaa, araaraa fi tokkummaaf itti wal gahamu sana armuma irraa waliin itti fufsiifnurratti akka yaada wal jijjiirannuu, marihannuu fi waalteffannu kabajaa Oromummaan isiniif dhiheessina.

Marii dhiheessaa jirru tanaaf fakkii/ka’umsaa tahuuf gargaaru qofaaf, akkana yo jedhame hoo?
Haala maangudootni qaama araaraa kun guyyaa oliitti akeekametti akkuma haga ammaa cal’isaniitti, achumaan dhimma kanarraa kan hafan tahan, akeeka nagaa, araaraa fi tokkummaa fudhatuun hundaa dhihaate kana karaa buusuuf akka gargaaruuf, yaada akkanaafaa eeruu yaalle;

Akeekni maanguddummaa silaa bu’urrummaan waliitti nama harkisuu, haala tasgabbeessii, jidduu taa’uu, raggaa ta’uu fi kkf faa tahuutti ilaalama. Ammoo hundi silaas akkuma itti waliif galame akka tahe falamsiisaa miti. Yoo manguddummaan jidduu hundaa jiraatuun ni barbaachisa jedhame irratti waliif galame; Maanguddoota Oromoo/ABO kan gara biraa, ulaagaa hundaaf fudhatamuun, nama baay’ina isaani gama kamuufu wal qixaatti kenname akka dhiheeffatamufaa marihatu.

Hogganni gartuulee ABO addaan bahan sadan kun suduudaan waliitti dhufuu dhaan walii isaatii waliin haasawuun yoo danda’aame.

Tarii hogganni (hoggana jechuun asiitti akka qaamaa fi mataatti illee laala), gartuulee ABO jirtan sadan wakkiila (miseensotaa, qondaalota, miseensota hogganaa, deegartoota fi kkf ) keessaa bakka buufatuun, ergaa baay’ina jila ergatamu irratti waliif galaniin booda, akka waliitti dhufani dhimmota teknikaa gara garaa gaaddisa waloo hawamuuf bu’ura kaa’aniif dursa waliitti dhufuun yo filatamefaa.

Qabxiilee 1-3 olii keessa tokko ykn haga tokko ykn hunda isaani ykn ammoo kanaan alaatti akkaataa biraa ittiin bakka gahame kanarraa fuula duraatti deemamu mariif dhiheessuu dha.
Fardiin marii fedhu innii biraa, bakkaa fi akkaataa itti waliitti dhufamuun hundaaf ykn harka caalaa ykn hundumaafis mijjattu irratti marihatuufaa,

Ammajiin 1, 2010 guyyaa fi yeroo akka beellama dhumaatti labsii WBO itti bahaa yaamicha kanaaf qabatee dha. Guyyaa sanaatti waan kana gara tokkootti baasuun fardii tahuu hubatani ammumaan sagantaa waloon kaa’achuufaa gaafata.

Nama/namoota/caasaa dhimma walumaa galaatti nagaa, araaraa fi tokkummaa dhihaate kanarrtti karaa keessanirraa fuula kanaatti (fi/ykn) bakkoota birootti illee yo feesise wal qunnamamu osoo moggaafamani kanuma waliin waliif eeruun tahe.

Dhimmota kanaa fi kanneen fakkaatoo biroo asirratti hin tuqamanin akkasuma ammumaan irratti waliin dubbatuun hafu hin qabne irratti marii/yaadota’gaaffilee fi kkf waliin godhatuun, fagaattu gaafa Sadaasa 25, 2009tti akka daanduma tanaan nutti deebisuun walumaanu walteffannu, dhaamanna.

Nagaa, araaraa fi tokkummaa dhugaa dandeettii isaatiin Rabbi ABO, QBO fi Oromoof dhugoomsinna jenne!.... Aamiin!!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Qorbituu Takkaarrii*
WBO ZK ABO
Sadaasa 15, 2009.
________________________________________________________

*Qorbituun Takkaarrii qaama waaltessaa-tarkaanfii, murtii, ejjenoo fi yaamicha nagaa, araaraa fi tokkummma WBO ZKn labsame milkaa’uuf isaaf kanneen ilaalchisu hunda waliin hojjatuuf, miseensotaan utubamee dha.









No comments:

Post a Comment